Xurree ittiin seenan

Breaking News

Muummichi Ministeeraa Itiyoophiyaa Ibsa Kennan


Faayilii - Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed, Sadaasa 30, 2020
Faayilii - Muummicha Ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed, Sadaasa 30, 2020

Muummichi ministeeraa Itiyoophiyaa Abiy Ahimed boqonnaa injifannoon tumsame jechuun ibsa kennanii jiran. Itiyoophiyaan gootota ijoollee isheen kabajamtee ni jiraatti, Itiyoophiyaa dura dhaabbachuun ni danda’ama ta’a, garuu injifachuunhar’as hin danda’amu, kaleessas hin danda’amne jedhan muummichi ministeerichaa ibsa fuula FB isaanii irratti maxxansaniin.

Diina biyyattii waraanuuf ka’etti duuluuf adda waraanaa deemuuf beellama nuti qabanne diina boquu ennaa cabsu Itiyoophiyaa garuu ol qabeera jedhan.

Waamicha ani godhe simattanii lubbuu, humna, qabeenyaa, beekumsa, yeroo fi oguma keessaniin deggersa kan gootan mara galateeffachuun fedha jedhan. Akkuma kanaan boqonnaa jalqabaa xumuree gara yeroo murtaa’eef waajjiraatti deebi’uu koo ennaan ibsu, har’as ta’e gara fuula duraatti diinonni keenya humni isaanii dadhabee, daandii jibbaa fi dubbii dhiisanii daandii jaalalaa fi nagaa hanga isaan filatanitti qabsoon keenya itti fufa jedhan.

Gara qabsootti kan seenne dhugaa qabannee waan ta’eef waaqni Itiyoophiyaa, akkuma durii nu waliin ture , dadhabina keenya nu jabeessee uummata keenya dangaa hanga daangaatti sossooseera, lakkoobsaa fi dandeettii raayyaa ittisa biyyaa dabalee jira lapheen keenya gootummaan akka guutu godhee injifannoo Itiyoophiyaa ijaan nu agarsiisee jira jedhan.

Qabsoon hin xumuramne. Naannoleen bilisa hin baane jiru. Humni amma qormaata nutti ta’e deebi’ee qoramaata Itiyoophiyaa akka hin taanetti furmaata waarinsa qabu kennuu qabna jedhan. kanneen manca’e deebisanii ijaaruu kanneen qe’ee irraa godaanan deebisanii dhaabuu, hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii kan kana duraa caalaa saffisaan hojjechuutu nu irraa eegama jedhan.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG