Xurree ittiin seenan

Breaking News

Naannooleen Itoophiyaa 3 walii galtee Nageenyaa fi Tasgabii taasisuu isaanii ibsan


Faayilii - Magaala Finfinnee
Faayilii - Magaala Finfinnee

Itti gaafatamtoonii biiroolee nageenyaa naannoolee Sidaamaa, Oromiyaa fi bulchiinsa kibbaa magaalaa Hawaasaa keessatii wal gahuudhaan Itiyoophiyaa diiguudhaaf yaalaa jira garee jedhan , isaa mootummaa Itiyoophiyaa ONAG SHANEE jedhee waamuu waliin barbadeesina jedhanii walii galtee akka taasisan gabaasini Yoonataan Zebdiyoos Hawaasaa irraa ergee ibseera.

Gabaasini kun odeeffannoo biiroo nageenyaa fi tasgabii naanoo Sidaamaa wabeffachuudhaan akka jedheetti,haleellaa shororkeesummaa raawwachuudhaaf namoottan of qopheessan boombii 16 wajjin magaalaa Hawaasaa keessatti too’annoo jala olaniiru.

Biiroon nageenya fi tasgabbii naannoo Oromiyaa gareen isaan ONAG SHANEE Jedhanii waaman umnoota nageenyaa naannoo oromiyaa wajjin wal waraansa ifa ta’ee keessaa galuu isaa himuu isaa kan ibsee gabaasinii kun, gareen hidhattootaa karaa guddicha Moyyaalee cufaniiruu oduun jedhu dhugaa akka hin taane ibsamuu isaa beeksiseera.

Gareen mootummaan ONAG SHANEE jedhuu , isaanimoo Waraana Bilisummaa Oromoo jedhanii Of waaman Adda bilisummaa Umata Tigraay / TPLF waliin hariiroo waraana tolfachuun isaanii ergaa gabasame as naannoo Oromiiyaatiif dangaalee irratii namoonii nagana ajjefamaa jirachuu isaanii gabasin Yoonataan Zebdiyoos ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG