Nageellee Booranaa dira ganna 100 duratti yayyaban. Akka warrii lafaa jedhutti rakkoon gugurdoon dira kanaa bisaan,ibsee, istaadiyoomii,karaa fi waan laftii tokko argachuu malte hedduu.
Aabba Afatuu Kasee jaarsa lafaati.Istaadiyoomiin ganna hedduun duratti ardaa Simintootti jaaran hardha moonaa lonii fakkaata. “Hin haareffamne sunuu dallaa hin qabu.”
Hospitaala Nageellee Booranaa
Hospitaalii kun maqaa guddaa tahullee akka warrii lafaa jedhutti qorsa alaa bitatanii akimii gahaallee hin qabu.
Nageellee karaa dira keessaa km 10 jaaruuf karoorfatan keessaa amma asfaaltii km5 ya galchaniif.Karaan ollaa keessa coble stone hin qamne hedduu.
Akka aabba Afatu jedhetti manneen gandaa ka armaan duratti qorqooroon jaaran hardhallee qorqooroollee itti hin jijjiirre.
“Manneen sun hardhallee barmeenaa xaliyaatti gubbaa jiraa Nageelle yaayyuu qancarte.”
Aanaleen godina Gujii Bahaa ka bu’uura misoomaa hin qamne jedhan hedduu.
Ardaa Madheeraa,Gumii Eeldalloo.
"Istaadiyoomii kana bara dargii keessa hindheensa badda mana quubsaatiin jaaranii amma dallaa loonii fakkaata.”
Aanaaleen Gujii Bahaa ka walti dhiyaatanilleen rakkoo ibseetiin akkuma tokko jiran.
Diidii xuyyuuraa
Diidii xuyyuuraa Nageellee Booranaa ardaa Simintootti lafa hektaara 200 irratti biriri miliyoona 10n jalqabanilleen akka warrii lafaa jedhutti haga dhaabate ji’a shan.
Aanaa Liiban
Akka bulchaan aanaa kanaa,abba Mallicha Diqqaa jedhutti aanaan kun rakkoo hedduu qaba. Rakkoo bisaanii, daangaa,ibsee,karaa fi waan hedduu.
“Baajeta aanaa keennaa bara kana wannii fixe bisaan raashinaan waraaban."
Ardaan akka dhungoo,Qurquraa, fi Haya aananii faatii rakkoo akkanaa keessa jiran.
Karaan Nageellee Booranaa gara Bulbulaatin dhaqanii fi Dirreetiin taakkan karaa qallaa rooba hin taakkisiimne.
Rakkoon dhibiin godina Gujii Bahaa ammoo yuniversitii.Yuniversitiin cuftii,Hawaasaa,Dillaa,Bulee fi Madda Malaabuu aanaa gammoojii Gujii Bahaa irraa km 300 fagaatan.
Aanaa Liibaniitti rakkoon daangaa haga ammaa hin dhaabane jedhan.
Aanaa Gumii eeldalloo
Aanaa gammoojjii kana ganna sadiin duratti yayyaban. Akka warrii lafaa jedhutti rakkoo gama gamaan itti dhuftuufuu aanaan arraba ilkaan jidduu tahe.“Haga hardhaallee namii kuraazii bobeeffata.”
Itoophiyaatti naannoo hedduutti rakkoo ibsee qaba.Humnitii elektirikii biyyaa rakkoo faluutti jira jedha.
Rakkoo bisaan godina Gujii Bahaa ammoo akka interpiraayiziin bisaan Oromiyaa jedhetti hagii tokko,haga Nageellee Booranaa Waxabajjii dhufu bisaan hin argata.