Xurree ittiin seenan

Breaking News

Nama Itoophiyaa kuma kurnya hedduutti Yemen keessatti rakkachuutti jira


Ethiopian migrants gather at the International Organization for Migration center in the port city of Aden, Yemen, Jan. 2, 2017.
Ethiopian migrants gather at the International Organization for Migration center in the port city of Aden, Yemen, Jan. 2, 2017.

Yemen biyya ufiifuu waraanii oolmaa fi bultii dhowwe. Namii Itoophiyaa jirenna goomittaa qabu barbaaa Sawudiitti yaa’u Yemeniin qaxxaamura.

Yemenitti nama 1460 caalaa irratti vaayireessii koronaa argitee 418 caalaatti tanaan lubbuu dhabe.Dhaabbilee NGO ammoo nama sun caalaatti miidhgame.

Dhiba kanaafuu akka dhabbilee Tokkummaa Mootummooaa ka akka IOM faatii jedhanitit namii Itoophiyaa kumii kurnya hedduu biyya sunitti yaa’e afaan balaa jala tataa’a.


Paul Dillon oduu himaa IOM.Akka jecha isaatti nama Yemenitti godaane ykn baqate irreen godaansisan,walti guuranii hidhanii yoo dhibamanillee gargaarsuma diqqaa argatan.

“Haga ganna jahaa asitti Yemen lafa nagaa hin qamne.COVID-19 haga qaraallee caala jireenna irraa balleesse.Warrii baqatee Yemen gahe ammoo warra dhukkubii kun waan hedduu tolchuu dandahu.Warrii lafaa akka waan baqataan COVID-19 itti dhufeetti laalanii miira itti hammaatanii afaanii itti oowwan.”

Yemen lafa namii Itoophiyaa jireenna Sawudii keessa jireenna goomittaa qabu barbaaduuf keessaan qaxxaamuru.Amma gabaasa IOMitti amma namii biyya tana dhufu harka 90n diqqaate.

Akka oduu himaan IOM Paul jedhutti baqataa Itoophiyaa hedduun Yemenitti olloota namii sodaa itti hin dhiyaanne manneen dudulloota keessa bula.

Lafa akkasiitti ammoo dhaqanii baqataa gargaaruun dhiba jedha.Galgala cufa namii fula abulu barbaadaaf lafa maraa jedha.

Jarii kun nyaataa fi dhugaatii,akimii dansaa fi waan isaa male hedduu argachuu male.IOM baqataa akka jara kanaa miliyoona 5.3 gargaarsa doolarii miliyoona 155 gaafachuutti jira. Tahuu baannaan jarii kun afaan balaa hamaatti yaa’a jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG