Xurree ittiin seenan

Breaking News

Namni Kuma 174 Ol Dhiyeenya Kana Qe’ee Ofii, Mooyyalee Baqatee Bahe Gargaarsa Hatattamaa fedha: Aanaa Mooyyalee


Haleellaa waraani naannoo 5 fi al-habaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate
Haleellaa waraani naannoo 5 fi al-habaab Mooyyale lolaniin nama kuma hedduutti baqate

Namii kuma 174 oli waraana naannoo Somaalee Mooyyale lole baqatee bahe gargaarsa eegachuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:50 0:00

Haleellaa waraani naannoo Somaalee Muddee keessaa guyyoota sagaliif Mooyaleen lolaniin namoota 174,000 caaala baqachiise.Akka bulchiinsii Mooyale jedhutti jarreen kun gargaarsa hatattama barbaadu.

Bulchaan Aanaa Mooyyale Obbo Baaggajja Morgeeti. Namoota kana adda baafnee Waajjira Ittisa Balaa Oromiyaaf erginus haga Jimaata darbeetti gargaarsi dhufe jedhu.

Warri manaa baqatanii jiran gama isaaniitiin rakkoo keessa jirrachu himatu. Koomishiniin Ittisa Balaa Oromiyaa yeroo dhiyootti namoota kanaaf gargaarsa ittiin gahuuf hojjetaan jira jedha.

Akka baqatoonnii Mooyyalee gaazexeessaa VOA Naayroobii jirutti himanitti manneen isaanii itti hinhafne.

Aadde Amiinaa Abdii haadha ijoollee torbaati hospitaala mooyyalee dudduuba bakkee keessa haala itti jiran dubbatu. “Mina keenna waan saaman saamanii waan kaan guban. Ijoolleen teenna yoo arganne nyaatee ykn ufirrumaa bulti.”

Hidhattoota naannoo Somaalee malee Raayyaan Ittisa Biyyas Sadaasaa darbe keessa Mooyaletti namoota ajjeese.

Torbee achi aanu Raayyaan Ittisa Biyyaa akka jecha aaddee Faaxummaatti abbaa warraa ishee Obbo Roobaa Qancaree Jaatanii ajjeesnaan ijoolleen baqatte.Amam Mooyale Shawaa Barrii baqatanii,magaalaa Dubluq nama bira qubatan.

“Wannii nyaatanii dhugan hin jirtuu akkuma rabbi itti nu jireessetti jriaannaa.Yoo mana dhamnelleen lafa teenna keessaa hin baanu jennee gubbaa ejaajjina.”

Obbo Baaggajja Morge bulchaan aanaa Mooyaleeti. Namnii baadiyaa magaalaas keessaa buqqaheera jedha. “Yoo akkam diqqaate kan mootummaa gabaafne nama kuma 174 buqqa’e. Namoonni kun gara gandaaota baaddiyaa if magaalaa,Yaaballoo fi Keeniyaatti baqtan.”

Namoonni baqatan kun gargaarsa eegachaa jiru.Bulchiinsii Mooyales mootummaa naannootti iyyateera.Akka obbo Baaggajja jedhanitti bulchiinsi aanaa Mooyyalee jedhutti mootummaanis rakkoo kana qubuma qabaa gargaarsa eegachaa jiru.

Itti aanaan koomishineerii koomishiinii Qophaa’inaa fi Ittisa Balaa Oromiyaa obbo Garramoo Oliiqaa gargaarsii karaa jiraa jedhu. Haleellaa Mooyaleetiin hospitaalii magaalii qabus amma gubatee amma cufamee ogeeyyiin fayyaas keessaa bahan.

Biiroon eegumsa fayyaa Oromiyaa hospitaalli Mooyyalee rakkoo nageenyaarraa kan ka’e cufaa ta’uu mirkaneessee jira.Dooktor Derejjee Dhugumaa hoogganaa Biiroo eegumsa fayyaa Oromiyaati.

Akka ogeeyyonnii kutannoo qabaatanii deebi’anii fi hospitaalii qulqullaahee hujii jalqabu hujiitti jirra jirra qorachiaa fi meeshaa barbaachisaa tahe ergaa jirra jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG