Mootummaan Amerikaa namoota naannoo addunyaa biyyoota adda addaa keessa jiran kanneen kuma shantamii shan ta’aniif waggaa waggaatti carraa biyya kana dhufanii jiraachuu kennaaf.
Kana gochuufis sagantaa DV(Diversity Visa) jedhamu qopheessee jira. Namoonni carraan kun isaan dhaqqabes ulaagaa kaa’ame mara erga guutanii booda Visa isaanii argatu.
Namoonni hagi tokko kanneen Itiyoopiyaa keessaa garuu angawoonni embasii Amerikaa carraa DV nuti arganne nu jalaa balleessu jechuun himatu.
Ragaa barnootaa fi kan fuudhaa fi heerumaa qabatamaa ta’e dhiyaatus nu hin amansiifne jechuu dhaan nuuf ta’eera jennee abdachuu dhaan maallaqa hedduu nuti baafne lafatte nu jalaa bade jechuun kan himatan namoonni carraa DV argatan dhimmi isaa qaama ilaaluun qoratamee haqin namootaa ba’uu qaba jedhu.
Gabaasa Guutuu MP3 tuquun dhaggeeffadhaa.