Kanneen qe’ee irraa buqqa’an qe’ee ofiitti deebisuun akkuma wal waraansaa ulfaataa ta’uu kan ibsan Prezidaant Saahilewerq, lammiiwwan Itiyoophiyaa birmatanii buqqaatota kana deebisanii daabuu keessatti akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru.
Magaalaa Dirreedhawaa keessatti ayyaana sabaa fi sablammootaa kabajame irratti haasaa kan dhageessisan prezidaantittiin, yaadi biyya diiguu jedhu sammuu nama maraa keessaa baduu akka qabu tuqaniiru.
Haasaa isaanii kanaanis kanneen wal waraansa kaaba Itiyoophiyaa geggeessameen qe’ee irraa buqqa’an dursi kennamuufii akka qabu illee yaadachiisanii jiran.
Walii galtee biyyoolessaa uumuuf irratti hojjetamuu qaba kan jedhan prezidaantittiin kun, walii galteen biyyoolessaa biyyoota ka biroo keessattis bu’aa argamsiisee arginee jirra jedhan.
Wal waraansi kaaba Itiyoophiyaatti geggeessame akeeki isaa biyya diiguu waan ta’eef, kana ittisuuf mootummaan Itiyooophiyaa tarkaanfii fudhachuu isaa ibsaniiru.
Ayyaana sana irratti kan argaman ambaasaadder Diinaa Muftii, ayyaana sabaa fi sablammootaa kabajuun eenyummaa keenya waan calaqqisuuf akka hojii gaariitti ilaalamuu qaba jedhan. ayyaana har’aa kana irratti waraqaan qorannoo “sabaa fi sablammoota Itiyoophiyaa qooda isaan jiraachuu biyyaaf qaban” mata dureen jedhuun qopha’e dhiyaateeraa jedha Addis Chekkol Dirree Dhawaa irraa.