Xurree ittiin seenan

Breaking News

Isa Ani Hidhaan Dabarse Mucaan Koo Wareegama Itti Baase: Abbaa Mucaan Jalaa Ajjeefamee


Barataa Obsaa Indaalee
Barataa Obsaa Indaalee

"Kan Koo Isa Dhumaa ti, Garuu As Irratti Dhaabbachuu Hin Qabu" :Barataa Ajjeefame

Godinaa Wallagga Bahaa magaalaa Naqamtee keessatti Wixataa fi Kibxata dabre kana namoonni digdamii tokko raayyaa ittisaa Mootummaa Itiyoophiyaatiin rukkutmuu isaanii maddeen Hospitaala Naqamtee Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsuun isaanii ni yaadatama.

Akka maddeen kun jedhanitti namoonni madaawan garii rasaasan harka caalaan immoo ulee yokaan dullaadhaan tumamanii akka ta’e kanneen rasaasaan dhawaman keessaa Dargaggoo Abbabaa Mokonnan otuu hospitaalicha hin ga’iin du’e.

Kan rasaasaan dhahamee wal’aansa sadarkaa ol aanaaf gara Finfinneetti ergamee ture ijoolleen umuriin waggaa kudha-shanii Obsaa Indaalee Fufaa kaleessa jechuun Roobii Guraandhala 28 bara 2018 du’aan boqochuu isaa maatiin isaanii nuuf ibsanii jiru.

Abbaan obsaa – obbo Indaalee Fufaa abbaa ijoollee lamaa kan turan yoo ta’u ofii isaanii iyyuu yeroo adda addaatti kan qabamanii hidhaa turan tahuu isaanii fi isa dhumaa Fulbaana dabre kana hidhaa hiikamuu isaanii dubbatu.

Mana hidhaa keessa yeroo turantti Cilee gurguruun ijoollee guddisaa kan turte haadha warraa isaanii ta’uu dubbatan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:08:31 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG