Xurree ittiin seenan

Breaking News

NOAA: bokkeen Afrikaa Bahaatti roobuutti jiru bokkaa guddaa bara hedduu asitti hin argin fulaa tokko tokkotti harka 600 caala roobe


Bokkaan Keneyaa Gama Kaabaatti roobe godina Marabeet,Turkaanaa fi Waajira guddoo miidhe
Bokkaan Keneyaa Gama Kaabaatti roobe godina Marabeet,Turkaanaa fi Waajira guddoo miidhe

Biyyoota Afrikaa Bahaa,Keenyaa,Itoophiyaa gama Kibbaa,Taanzaaniyaa gama Kaabaa, Ugaandaa,Suudan Kibbaa faatti bokkaa guddaatti roobuufiitti jira.

Bokkeennii kun manneen hedduu balleessee,horii hedduu fixee nama kuma hedduu baqachiise. https://www.youtube.com/watch?v=ZK-sK13IJx4

Bokkeen kun akka ogeeyyoti raaga qilleensa Amerikaa NOAA, National Oceanic and Atmospheric Administration jedhanitti torbaan kanalee jabaatee rooba.

Bokkaan kun Keenyaa gama Kaabaatii godina Marsabeeti guddoo roobe Solooloo, Waldaa, Waajir fi TUrkaana faati guddoo miidhaman.

Aabba Galma Dabbasoo nama ollaa Keenyaa Waldaa keessa jiru “lolaan kun horii guddaa guurratee,namii tarbeetti oli baqachuutti jira, jedha.

"Bokkeenii eda cophaa bulee ammallee ittuma jira.Waan akkanaatuu takka arginee hin beennu,mirgaa bitaan bisaan nu marsanii keessa jirra.”

Afrikaa gamii Bahaa Fulbaana haga Muddee keessa bokkaa Hagayyaa argata.

Dr. Waasilaa Thiaw, NOAA keessatti itti gaafatamaa damee biyya alaati.

Akka innii VOA Afaan Oromootti himetti Itoophiyaa gama Kibbaa keessaa naannoon Onkololeessa keessaa bokkaa Hagayyaa hin arganne ammaayyuu bokkaa mm120 roobeefitti jira jedha.

"Harka 625 caalaa roobeef.Bokkaa akkanaa arginee hin beennu.”

Bokkeen kun akka Dr.Waasilaan jedhetti qilleensa garba Paasifik gama Bahaatii fi gama Dhiyaatiin jijjiirametti dhufeen.

Bisaan garba Paasifik gamii Bahaa akka malee jalaan qabbanaa'an,gamii dhiyaa ammoo akka malee jalaan oowwan. Oowwii kun Indii gama Bahaatii bubbee fuudhee qilleensa oowwaa Indii gama Dhiyaatti geesse. Qilleensa kanatti bokkaa guddaan dhufe."

Bokkeen guddaan kun torbaan kanallee waluma gula rooba. NOAAn ammoo akka jecha Dr.Waasilatti rakkoo bokkaan guddaan dhufuun warra dubbiin laaltutti waluma jalaan hima

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG