Xurree ittiin seenan

Prezidaant US Doonaald Traamp kooriyaan kaabaa Ameerikaa irratti waraana banuu barbaaddi taanaan waraanni biyya isaanii deebii kennuuf qophee ta’uu akeekkachiisan.

Furmaati waraanaa amma guutummaan qophaa’ee taa’a, Kooriyaan kaabaa ogumaan hin deddeebitu taanaan jechuu dhaan Traamp ergaa Twitter har’a ganama maxxansaniin akeekkachiisaniiru. Itti dabaluu dhaanis prezidaantiin Kooriyaa kaabaa mala ka biroo barbaadu abdii jedhun qaba jedhan Traamp.

Akeekkachiisi prezidaantichaa kan dhaga’ame chiaanynaan kooriyaan kaabaa yoo isheen misaayila dachii US dha’u dhukaastee Ameerikaanis ijaa baate hin gargaaru jettee sa’aatilee hanga tokko booda.

Akeekkachiisi Chaayinaas maxansaa Global Times jedhamu ka biyyattii irratti har’a maxxanfame.

Gulaalaan maxxanfame sun itti dabaluu dhaan haa ta’u malee chaaayinaan yoo US fi michuun ishee kooriyaan kibbaa mootummaa Kim Jong Un fonqolchuuf wal ta’iinsa waraanaa uummatan jidduu nan seena jette.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG