Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Yunaayitid Isteets fi Barreessaan Muummichi Tokkummaa Mootummootaa Kan Itiyoophiyaa Dabalee Hoogganoota Biyyoota Ja’aa Waliin Mari’atan


Prezidaantiin Yunaayitid Isteets fi Barreessaan Muummichi Tokkummaa Mootummootaa Kan Itiyoophiyaa Dabalee Hoogganoota Biyyoota Ja’aa Waliin Mari’atan
Prezidaantiin Yunaayitid Isteets fi Barreessaan Muummichi Tokkummaa Mootummootaa Kan Itiyoophiyaa Dabalee Hoogganoota Biyyoota Ja’aa Waliin Mari’atan

Itiyoophiyaan, Yunaayitid Isteets keessatti marii Dhimma Baqattootaa ka Tokkummaa Mootummootaa ilaalchisee Prezidaant Baaraak Obaamaa fi muummichi-barreessaan ka Tokkummaa Mootummootaa dubbatan irratti akka qooda fudhatan biyyoota filataman keessaa tokko. Hoogganoonni biyoota ka biroo - ka Joordaan, Kanadaa, Meksikoo, Sooriyaa fi Siwidinis qindeessitoota marii hoogganootaa ta’anii jiran. Walii-galtee waa’ee baqattootaa fi godaantotaa kaleessa biyyoonni miseensota Tokkummaa Mootummootaa 192 mallatteessan akkamitti akka hojii irra oolchan irratti dubbataa jiran – hoogganoonni biyyootaa.

Akka walii-galtee kaleessa Niw Yoorkitti mallatteessame kanaatti, biyyoonni Addunyaa gama Lixaa fi hawaasni sadarkaa Addunyaa, biyoota baqattootaa dahata kennanii fi godaantota immoo fedhii ofiitiin gara biyya irraa dhufaniitti deebisaniif, gargaarsa maallaqaa fi nyaataa dhiheessuuf qophaawanii jiran. Ministarri Dhimma-alaa Yunaayitid Isteets – Joon Keerii, haasaaa kaleessa dhageessisan keessatti, dhimmi isaa, dhimma yeroo hatattamaa fi deebii qindaawaa barbaachisu akka tahe hubachiisan.

Hin dogoggoriinaa. Carraaqqii dabalataa gochuun hatattamaan barbaachisa. Yeroo amma walgeenyee jirru kanatti , uummata miliyoona 65 ta’u tu manaa fi qehee isaa buqqa’ee jira. Kana keessaa, miliyoonni 21 daangaa sadarkaa Addunyaa qaxxaamuruun kanneen deemani – jedhan – Keeriin

Naannon gaanfa Afrikaa, bakka baqattoonni hedduun irraa maddanii fi sababa walitti-bu’insaan ti mootummoota cunqursootiin – lammiiwwan manaa fi qehee ofii irraa buqqa’anii irraa dheessani. Waggoota digdamman dabraniif ka waraanaan jeeqamaa turte – Somaaliyaan, mootummaa uummataan filatame tolfattee haalli ishee wayyaawaa dhufe iyyuu, wal-waraansi hookkarrii, rakkoon dinagdee fi balaan uumamaa waggootaaf irra ture, akka lammiwwan miliyoonaan lakkaawaman achi irraa baqatan taasisee jira. Ertiraanis, gama kaaniin – biyya dargaggoonni irraa dheessanii, dooniin otuu galaana irra deemanii dhamani. Dhimmi hoogganoota Addunyaa yaaddesse kaan, waa’ee baqattoota Somaalee gama Kaabaa keessa jiranii ti.

Hawaasni Addunyaa – bakka baqattootaa fi godaantota dahachiisanii fi qubachiisan, akkasumas, bakka irraa biyya isaaniitti fedhiin deebisan qindeessuuf dhaabbatni waa’ee qodaantotaa, Tokkummaa Mootummootaa jalatti akka hundeessamu kaleessa murteessee jira.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG