Xurree ittiin seenan

Breaking News

Obaamaan Waa’ee Haleellaa Xayyaarota Nama-maleeyyiin Geggeessamuu Irratti Ibsa Kennan


Kaleessa marii viidiyoodhaan marsaa interneetii Guugil irratti, Prezidaanti Obaamaa waliin geggeessameen gaaffii dargaggoon tokko, Bruukliin, Niyoork irraa dhiheesse kan “taayitaa qabatattanii waggaa tokkoffaa keessatti haga Prezidaantiin isin duraa, Joorj Buush caalaa haleellaa xayyaara namni keessa hin jirre - “Droon” jedhamuun geggeessamu ajajjan” jechuudhaan, “akkamitti halellaan “Droon”iin geggeessamu, kan lubbuu fayyaaleyyii hedduu Yunaayitid Isteetsiif faayidaa qabaata? jedheef deebii kennan - Prezidaant Obaamaan.

Prezidaantichi Kaleessuma, marii sana dura gaazzexaa Niwuu Yoork Taayims irratti, nageenya dippiloomaatota Yunaayitid Iraaq keessaa eegsisuuf waa’ee xayyaarota namni keessa hin jirreetti gargaaramuu dubbatanii turan. Achii booda immoo walumaa galatti waa’ee haleellaalee Drooniin geggeessamanii fi “lubbuu namaa isaan fixan ilaalchisee of-eeggannaan hin gadhumu” ka jedhamu ilaalchisee ibsa kennan.

Yunaayitid biyya ka biraa keessatti, xayyaarota nama hin qabne - Drooniin haleellaa geggeessuun daangaa biyya biraatti seenuu hin jedhamuu? ka jedhu ture gaaffiin tokko. Prezidaantichi deebii kennaniin, ala biraa kanaan bakka tokkotti qiyyaafatanii haleeluun, daangaa biyya tokkoo cabsanii seenuu akka xiqqeessutti eeran.

Haleellaaleen kun irra-hedduun shakkamtoota Alqaa’idaa faana-dhahuun lafa gosootaa daangaa Paakistaanii fi Afgaanitaan irra jiru irratti ka geggeessamu. Akka nuti ilaallutti humnoota sana argachuun haleellaaleen ka biroon geggeessaman, mala nuti amma itti gargaaramnu caalaa waraanaan biyya tokko keessa seenuu of-keessaa qaban - jedhu - Prezidaant Obaamaan.

Naannoo gosootaa Paakistan keessatti Yunaayitid Isteets, xayyaarota nama hin qabneen akka haleellaa geggeessitu ifatti dubbachuun kun ka jalqabaa ti. Ibsa Prezidaant Obaamaa tii booda, Paakistaan immoo haleellaan sun ka bu’aa hin qabnee fi fudhatama hin qabne” jechuun mormii ishee dhageessite.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG