Midiyaa Hawaasaan odeeffannoon facaa’an gara walitti bu’iinsaatti akka nama hin seensiifne hawaasnii of eeggannoon akka gochuu qabu mummichi mnisteeraa Abiyyi Ahmad hubachiisanii jiru.
Dr. Abiyyi guyyaa lamaaf bulchiinsa naannoo Amaaraa keessa yeroo turanti ijaarsii isaa eega jalqabamee waggaa saddeet kan dabree warshaa sukkaaraa Xaanaa Balas fi proojeektoota gurguddoo eebbisanii jiru.
Kaleessaa fi har’a kan bulchiinsa naannoo Amaaraa keessatti gaggeeffamee kana dabalatee naannoolee biyyatti adda addaa keessatti haala itti fufiinsa qabuun hojii eebbisuu kun gaggeeffamuun qaama duula filannooti jechuun kanneen qeeqan ni jiran.
Dubbii himaan mootummaa bulchiinsa naannoo Amaaraa garu qeeqnii kun soba jechuu isaanii Asteer Misgaanaawu Baahir Daar irraa gabaastee jirti.