Xurree ittiin seenan

Breaking News

Odeeffannoo Walii Qoduu Kan Ilaaleen Itiyoophiyaan Seera Haaraa Baaftee

Faayili - Namoota baruulee fi gaazeexxaawwan dubbisan, Finfinnee, Sadaasa 7, 2020.
Faayili - Namoota baruulee fi gaazeexxaawwan dubbisan, Finfinnee, Sadaasa 7, 2020.

Itiyoophiyaan duula waraanaa Adda Bilisummaa Uummata Tigraay(TPLF) irratti gaggeeffamaa jiru kan ilaaleen odeeffannoo qoddachuu kan ilaaleen seera haaraa labsitee jirti.Kunis Gaazexxessoota irratti ugguura kaa’uu mala jedhamee jira.

Seerrii Kamiisa kaleessaa waaree booda ba’e kun akka jedhetti, sochii waraanaa fi waan dirree waraanaatti ta’u kan mootummaan ifatti beksiseen ala karaa meeshaalee qunnamtii raabsuun ykn facaasuun dhorkaa dha.

Kanneen ajajaja kan cabsan irratti humnootiin nageenyaa tarkaanfii akka fudhatan kunis midiyaalaa oduu fi midiyaa hawaasummaa kanneen riphxee looltonni lafa qabannee jedhanii dubbatan gabaasaniifis akeekkachiisa ta’u mala jedhee jira.

Jiraattonni ripxee looltoota TPLF kallattiniis ta’e harka lafa jalaan deggeruuf jecha, midiyaa adda addaa fayyadaman mootummaan kan ugguure yoo ta’u, kanneen seera kana cabsan irratti tarkaanfiin adda ba’e hin ibsamnee akka fudhatamu ibsee jira.

Kana malees mootummaa ce’umsaaf waamichii dhiyaatu kan ugguramee ta’u, ibsamee jira.

XS
SM
MD
LG