Xurree ittiin seenan

Breaking News

Raagii Qilleensa Itoophiyaa(Metrology) warra isa eegatuun odeeffannoo fedhe gahuuf saatii diqqoo qaba


Hujiin dhaaba qilleensa biyya tokkoo(metrology) oolmaa fi bultii qilleensa biyya tokkoo guuree warra eegatuun gahuu.Yoo tahuu baattee ammoo namii maluma ufii ka barateen jireenna isaa uumamaa laalaa yaaha,bonaa fi bokkaallee duraa goruun dhiba itti taati.

Akkuma taateefuu Somaaliyaatti laftii oolaa;oolaan yoo bokkaa ganna hedduu adoo hin robin hafee namiii waan nyaatu dhabee agabuu oolee bula,oolee buluu qofaa mitii waan nyaatu argatellee humna wayiin nyaatuunuu hin qabu.Biyya Afrikaa gama kaanitti laftii bona,bokkaa marroo hedduutti adoo hin roobin hafe.

Gama kaanilleen nama miliyoona baqa beelaatiif godaana.Afrikaa gama Gaafaatti akka jecha Tokkummaa Mootummootaatti nama miliyoona 12tii fi wayitti beelahe.Itoophiyaalleetti nama miliyoona afurii fi wayiitti ariitiin gargaarsa eegata.

Bara kana maanti akkana nama beelesse?Namii hagii tokko qilleensatti jijjiiramee jedha kaan ammoo akkanaa miti jedha.Woma taateefuu rakkoo akkanaa tana dhufuuun duratti namii hedduun dhaaba raaga qilleensa naannoo isaanii irraa waan qilleensii keessa jiru eegata.Horsiisee bulaa fi qonnaan bulaan Oromiyaallee silaa dhaaba qilleesa biyyaa ykn meterolgy biyyaa abdata.

Akka obbo Dirribaa Qorichaa,itti gaafatamaa Agency Metrooloojii Biyyoolessaatti Daarektera Raaga Metrooloottii fi Dursa Akeekkachiisaa Daarekterittii dhaabii isaanii odeeffannoo jirtu hin kenna.

“…Tarii odeeffannoo kun ballinnaan qotee bulaa fi horsiisee bulaa keenna bira hin geenne fa tahaa malee agency keennya raaga kana duraan kenneera.”

Taatullee dhaabii Raaga Qilleensa Itoophiyaa guyyaatti daqiiqaa tokko lama qofa yoo akkam guddise 10 qabaachuun akka fedhetti odeeffannoo namaan gahuun dhiba itti taati.

Waan barana Afrikaa irraa bokkaa hambise jedhan keessaa tokko garbii Indii gama tokkoon qabbanaahee gama tokkoon oowwetti bokkaa silaa Afrikaa roobu Awustraliyaatti hambise akka jecha ogeeffa metrooloojii Itoophiyaatti.

Qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan Oromiyaa hagii guddaan baaddiyaa keessaa jriaata,odeeffannoo Raagii qilleensaa kennuu dhabuun ammoo isaa rakkoo guddoo.

Mee akkuma taheefuu waan nu obbo Dirrigaa marroo lama gaafannee MP3 tana irraa caqasaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG