Koomishinarri Koomishina Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa, Daani’eel Beqqelee, gaazzexeessonnii fi ogeeyyiin miidiyaa dhiheenya kana Itiyoophiyaa keessatti qabamanii hidhaman hatattamaan akka gad-lakkisaman waamicha dhiheessanii jiran.
Koomishinarichi akka jedhanitti lakkoobsi gaazzeessotaa fi ogeeyyii miidiyaa tibbana hidhamanii 16 gahee jira. Qabinsii fi hidhaan raaw’atame kun kan “seeraa ala geggeessame” jechuun hubachiisan – Hoogganaan Koomishina mirga namoomaa Itiyoophiyaa kun.
Gama biraatiin, miidiyaa interneetiin tamsaasamu “Ethio Forum” irraa Yaayyeesew Shimalis har’a mana murtiitti dhihaachuu isaa, Kenedii Abaatee Finfinnee irraa gabaasee jira.
Yaadawwan Ilaali (1)
Yaada dabalataa fe'adhu