Xurree ittiin seenan

Breaking News

Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa nama gaafa dhiyoo Mooyyale hadhan madaahe Yaaballotti tolaan akimanii gargaaran


Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa jara gaafa Mooyyalee hadhan madaahe dhaqanii tolaan akiman
Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa jara gaafa Mooyyalee hadhan madaahe dhaqanii tolaan akiman

Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa warra gaafa Mooyale hadhan kaan madaahe dhaqee tolaan akime
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:29 0:00

Mooyyale,bara 2018 qofa marroo hedduu hadhan. Lola akka bulchootaa fi warrii lafaa jedhutti waraana naannoo shaniitii fi milishaa al-shabaabitti nama hadhe.

Lolii Muddee kanaa qoftii torbaan tokko Mooyyale hadhe nama kuma hedduu baqachiisee hedduu fixee hedduu madeessellee.

Ogeeyotii fayyaa hospitaala Adaamaatii dhufan hagii tokko doktora lafee caphxeen wallaanu, hagii tokko ogeeyyii dhiba nafa keessaati namuu oguma qabuun madoolee gargaare.

Ogeeyyii fayyaa tana Dr.Galgaloo Abbaagudoo faatti Yaaballoon dhaqe. Hospitaala Mooyalee gaafa lolaa sun gubatee madoolleellee lafa akka Yaaballoo faatti akiman.

Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa jara gaafa Mooyyalee hadhan madaahe tolaan akiman
Ogeeyyotii fayyaa hospitaala Adaamaa jara gaafa Mooyyalee hadhan madaahe tolaan akiman

​Gaafa ogeeyyotii tun Yaaballo gahan madoolee 34ti hospitaala Yaaballoo jira. Guyyaa afran achi turanitti akka jecha Dr.Galgalootti madaa nama hedduun wallaanan.

Madoolee silaa fayyuu fa dandahanillee lafa akka Yaaballoo Mooyyale irraayyuu km 200 fagaattu faatti geessan. Akka Dr., Galgalo jedhutti namii fkn hiddii dhiigaa faati cite karaa kana cufa deemee jiraata jechuun dhiba.

Hospitaalii Yaaballoo ufiifuu hospitaala diqqaa namii kuma hedduu eegatu barana akka bulchiinsi jedhutti madooluma akkanaatiin wallaanaa bahe. Akka ogeeyyotii achi dhaqanii galan jedhanitti hospitaalii Yaaballoo madoolleen itti heddattee rakkoo tana keessa jira:

  • Mana diqqaa silaa nama 2-3 keessatti akiman nama 7-8 itti wallaanan
  • Namii hagii tokko sireeyyuu dhabee lafatti akiman
  • Nama Mooyyaletti madaahe km 200 deemaniin yaaballotti akimuunuun dhiba guddaa qaba
  • Madooleen yoo walti heddatte madaan hammaatte akimuufuu dhibdi
  • Hospitaalii jiruuyyuu mi'a wallaansaa gaafa balaa akkanaatiin akiman hin qabu
  • Ogeeyyoti tun tanuma keessaa gaafa Yaaballo jiran nama 14 qalma jabduu (major surgery) qalanii gargaaran

Laftii akka Mooyyalee ta lolii itti deebihuu fi laftii gammoojjii ka balaa makiinaatii fi lolii akkanaa kun itti heddatu akka jecha Dr.,Galgalootti trauma center qabaachu male. Trauma Center kun jidduu gala balaa hamaamaa akkanaa itti wallaalan.

Mooyyalee lafa waraanii bubbutuchee ammallee nama kuma hedduutti keessa baqate.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG