Xurree ittiin seenan

Breaking News

Olompikii Tookiyoo fi Qajeelfamoota Bahan


Hirmaatonii olompiikii tookiyoo baranaa raga talaalii ykn ragaa viiyirasii koovid 19 hin qabnee agarsiisu akka gafataman gaazexoonnii biyya jaappaan gabaasaa jiru.

nyaataa, sagalee olkaasanii iyyuu fi harka wal qabanii wal simachuu seera dhorku ojii irra olchuudhaaf akka yaadaa jiran haangawonnii mootummaa jappaan dubbataniiru.

Yemmuu mormiin ummataa biyyatii jabbachaa diimaa jiruu, babali’iinsii koroonaas cimaa deemaa jiru fi lakoofisi namoota talaallii fudhatanii heedduu hin taane kanatti dhorkaan hedduun akka miidhagina olompiikii balleess,uu tajjabdoonii dubbachaa jiru.

Haalii yeroo atattamaa Magaallii gudditiin Tookiyoo fi magaalotiin biyyattii adda addaa keessa turan wiixata har’aa kan raawaatu ta’us amma Waxabajjii 20 ti ittu fufuu danda’a. Olompiikii Tookiyoo irrattii deggertoonii hin hirmaatan.

Taphinii Olompiikii baranaa sababa kooviid 19tiin wagga tokkoof kan yeroo isaa irra darbe yemuu ta’u ammas taanaan, yaadaa uumataa irra waltii qabamee irratii hundaa’udhaan akka gaazexaan Nikkei jedhamu gabaseeti namoonii harkii 60 ta’n akka taphichii baranas darbu ykn hafu gafataniiru. akka taphichii tasifamu kan barbaadan harka 34.

Gaazexaan beekamaan japaan Asaahi Shimbuun jedahmuu torban darbee gulaala baaseen, taphichii akka hafu gaafateera. miseensota 6000 kan qabuu waldaan ogeessata fayyaa biyyatiis akka taphichii hafu gafachuudhaan muumicha ministeeraa biyyatii Yooshihiidii Suugaatiif gafii dhiheeseera.

Oduu biraatii biyyii afrikaa kibbaa dhibee kooviid 19 irraa kan ka’e wixataa har’aa irraa kaasee kan ojii iraa oolu dhorkaa adda adda baasteetii.

Prezidaantiin biyyattii Cyriil Raamafoosa akka jedhanitti, akka lakoofisa biyyatiiti halkan sa’a 5 booddee manoonii nyaataa, manii dhugaatii fi bakkeewan ispoortiin itti hojataman akka cufaman ta’u. mana keesatti nama 100, manaa alatti imoo nama 250 ol ta’an walitti qabamuun dhorkaa ta’a.

Afrikaa kibbaatti sa’a 24 keesatii namootan 4515 irratii vayiresiin koroonaa argameera. ummataa biyyatii miliyoonii 60 ta’u keessa Amma ammatii kan talaallii fudhatan namoottan 963,000 akka gabaasiin yuuniversitii john Hopkiins jedhuti. Gannaa dhufaa jiruu keesatimoo akka hamaachaa deemuu danda’u beektonii akeekkachiisaa jiru.

Akka gabaasa yuniversitii john hoopkinsinitti yeroo amaa addunyaa irratii namoonii miiliyoonii 170.3 ta’an kan vayiresii koroonatiin qabaman yemmuu t‘au namoonii milioonii 3.5 immoo du’aniiru. Yunaayitid isteets namootan dhebee koroonaatiin qabaman miiliyoonii 33.2 akkasumas namootan du’an 594 431 galmeesuudhaan dursiti.

Yaadawwan Ilaali

XS
SM
MD
LG