Xurree ittiin seenan

Breaking News

OMN barana istuudiyoo 10 biyya keessatti banata OBN Minisootaan jalqabee biyya alaatti hidda jabeeffachuutti jira


Jawaar Mohaammad(OMN) Zinaabuu Asraat(OBN)

Omn bara 2019 biyyatti istuudiyoo 10 banachuuf karoora qaban Obn biyya alaatii istudiyoo hedduu qabaachuuf hujiitti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:25 0:00

Omn ganna 5n duratti istuudiyootti ‘Oromiyaa diqqoo’ MN keessatti dhalatee amma Oromiyaatti gale.

Akka daarekterii OMN,Jawaar Mohaammed jedhetti amma nama 40 caalaan guyyaa torbaa hojjachuutti jiran.

MN keessatti hujuma diqqoo tokko hambisee amma biyyuma keessaa hojjata.

Akka Jawaar jedhetti amma FM Finfinnee, Shaashamannee,Jijjigaa fi Naqamteelleetti istuudyoo banachuuf kurfoo jira.

Barana 2019 keessa akka Jawaar jedhetti OMN istuudiyoo 10 qabaata.

Tana maleellee torbaan lamaan duubatti FM jalqaban TV afaan Amaaraallee jalaqbuuf deeman. Gulele post baasanii itti jiran.

OBN

Daarekterii OBN Zinaabuu Tafarraati.Median kun amma istuudiyoo isaa MN magaalaa St.Paul keessatti banatee hujiitti jira.

Kaayoon guddan beekumsa asi jiru ummata keenna biyya jiru akka argatu gochuu. Ummatni keenna aadaa isaa akka jabeeffatu ummata keenna walitti finna,”jedha.

Tana maleellee nama biyya jiruu fi biyya ormaa jiru walti fiduuf OBN banana akka jecha obboo Zinaabuutti.

Ogeessa biyya jiru Amerikaa fidanii hujii OBN biyya alaatti jabeessufu kurfoo jiran.

Ammaaf nama afuriin hujii tana jalqaban gaazexeessotaa fi istuudiyoo godina Amerikaa akka akkaatiif biyya gara garaa keessatti banuuf karoora qaban.

Waan OBN qabaachuuf karoorfate keessaa;oduu biyya alaa, sagantaa ijoollee, teknooloojii fi waan hedduu.

OBN hojjataa 700 oli fi bajata miliyoona hedduutiin hojjata.

Warrii horsiisee bulaa yoo hedduu OBN dhiphuu fi bal’inna keenna nuu hin himu jedhullee obboo Zinaabun OBN garuma cufa jiraa wannii FM Booranaa fi Harargeetti bananiifilleen tanumaaf jedha.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG