Xurree ittiin seenan

Breaking News

Omn istuudiyoo Finfinneetti bane Hagayya 5,2018 galma Bar- Kumeetti eebbisa, raadonii fi gaazexaalleen hujii jalqabuutti jira


Omn,Oromiyaa media network hujii isaa ta qaraa Bitootessa 1,2014 Amerikaa,Minisootaatti jalqabe
Omn,Oromiyaa media network hujii isaa ta qaraa Bitootessa 1,2014 Amerikaa,Minisootaatti jalqabe

Omn istuudiyoo Finfinnee galma Bar-kumeetti nama kuma hedduu duratti eebbisee sagantaallee babalifahcuutti jira
please wait

No media source currently available

0:00 0:07:00 0:00

Omn,Oromia Media Network dhaaba tajaajila oduu afaan 6n addunyaatti himu. Bitootessa 1,2014 Amerikaa godina Minisootaatti hujii jalqabe.

Miidiyaan kun Itoophiyaalleetti istuudiyoo banatee biyyatti galee istuudiyoo haaraa Finfinnee qabullee Hagayya 5,2018 galma walgahii Bar-kumee keessatti eebbisuuf kurfoo jira.

Omn istuudiyoo Finfinneetti bane Hagayya 5,2018 galma Bar-Kumeetti eebbisa
Omn istuudiyoo Finfinneetti bane Hagayya 5,2018 galma Bar-Kumeetti eebbisa

Jawaar Mohaammad daarektera Omn-ti.Isaa fi miseensotii dhaaba kanaa ka fedhan eebba tanaaf biyya dhaquutti jiran.

Omn akkamiin hujii jalqabe jennaan:“Ummannii Oromoo yoo gama biraatiin... ka dhabu taatee gama miidiyaatiin caalamuu in qabu,kanaafuu miidiyaa ijaaruu qamna ka jedhuun kaanee halkanii guyyaa hojjanee infifannoo amma geenne arganne.”

Tuffii fi jibba miidiyaan ormaa Oromoo qabutti nu dallansiisee hujii tanatti nu kaase jedha Jawaar. “Miidyaan mootummaatii fi mormitootaa akka waan Oromoon hayyuu hin qamneetti akka waan Oromoon goota hin qamneetti nu laalan.”

Jarii Oromoo jabaa fi goota Oromoo dhiisee ka ufii qofa TV irratti agasiifata akka ijoollee Oromo goota ufii wallaalan tolcha jedha daarektrii Omn. Waan fkn Jawaar gama kanaan maqaa dhahe keessa tokko ka innii Meegga,Boorana dhaqee TV Itoophiyaa ka goota Oromaa qofa barsiisee akka ijoolleen goota ufi ka akka Jaatanii Alii,ka Arsii ka akka Nadhii Gammadaa fa ka Harargee ka akka Raggaatuu Roobaa,Burushoo Boruu eennu akka tahan wallaalchisanii arg jedha.

Adoo Miidiyaa keenna qabaannaee jabaa keenna orma itti hin eegannuu ufumaan himannaa jedha Jawaar.

"Goota keenyaa fi ka Ormaa kan wal caalchise onnee osoo hin tahin miidiyaa akka innii tahe waan argeef keessattuu dhalootii lafaa dhufu yoo goota ufii hin beekne waan alagaa faarsee kan ufi xiqqeessaa deema waan je’u morka guddaa natti galee ture.”

Bariii 2014 bara akka Jawaar jedhutti qabsoon Oromoo diqqoo laafte.

"Gama miidiyaatiin qilleensa Oromiyaa bilisoomsuu qamna jennee .Goota keenna xiqqeessanii ka ufii oli guddisuu seenaa keenna xiqqeessanii kan ufii oli guddisu aadaa teenna dhoysanii ka ufii mullsuu.”

Tana ufi diduuf waan keenna qilleensa irraa qabaachuu mallee jennee hujii tanatti seennee jedha.

“Oromiyaa irratti olaantummaan alagaa qilleensa irratti yoo kan cabsinu taate mataa nama keennaa waltiitti qamna.Ummatii keenna akka wal amanuu fi wal irratti abaadu goona.Ummannii wal amanee fi wal dhaggeefate qabsoo ni cimsa jedhee abdachuu ture.”

OMN Bitootessa 1,2014 hujii jalqabe.Ji’aa fi wayin duubatti Ebla 25,2014 akka jecha daarektera OMNtti fincilii guddaan Oromiyaa Amboo irraa master plan Finfinnee diduuf dhoohe.

“Hinaaffaan gara hujiitti nu seensiste. Hujiin ammoo gara huji amma agarru kanatti nu ceesifte.”

Dhaabii kun akka Jawaar jedhutti waan hedduu dandamatee asi gahe. Waraanii Itoophiyaa manneen irraa deemee DISH bubuqqisaa caaccabsuu,marsaa interneetii fi saatelaayitii Omn cufuu nama jara deeggara jedhani shakkan hidhuu, istuudiyoo isaani Kaayroo saamuu mootummaa biyya akka jarii saatelaayiti hin kireessine dhowwuu,maqaa jaraa balleessaa dinagdeen laaffisuulleen waan daarekterii kun himatu keessaa tokko.

Omn asii achi sagantaa akka aadaa, bashannanaa,dinagdee fi waan hedduu hojjachuu fedha. Qabsoon itti aantu Oromoo dinageen jabeessuu jedha.

“Yeroo gabaabaa keesatti raadiyoo fi gaazexaallee hin baafanna.” Omn wannii asi gahe ummata Oromooti."

“Halkanii fi guyyaa akka harreetti akka harree abbaa hin qamneetti hojjachaa turre.” Yoo mootummaan Itoophiyaa akka OMN saatelayitii biyya alaa irratti hin dabarre dhowwe ammoo hin malannee jedha daarekteri Omn.

“Dhaaba saatelayitii 4-5 dursinee walii galtee qopheessine yoo kana irraa nu buusan kaan irra buuna yoo kaan irraa nu buusan utaallee kaan irra buuna. Ummatii keennalleen hujii keenna nuu argee nu deegara.”

Akka daarekterii Omn Jawaar Mohaammad jedhetti Omn qaama qabsoo Oromooti.

Dhaabii miidiyaa kun amma afaan jahaan oduu addunyaatti hima; Afaan Oromoo, Afaan Amaaraa,Afaan Soomalee,Afaan Sidaamaa,Afaan Arabaa fi Afaan Ingiliiziin dabarsa.Biyya 5 keessa istuudiyoo qaba hojjatoota 33 calaaan guyyaatti sagatnaa gara saatii 4 dabarsa.

Istuudiyoo Omn damee Finfinnee Hagayya 5, 2018 eebbisan.Hagayya 6,2016 akka henna Habashaatti ammoo Adoolessa,30,2016 yaadannoo wareegamtoota Oromoo Oromiyaa magaalaa 200 caalaa keessatti hiriirii guddaan dhoohee irratti dhumatan ulfeessuuf qophaahe.

“Ijoollee 200 olitti nurraa wareegame. Wareegamtoota tana yaadachuu feenna. Omn kan ummta waan taheef ummatatti kennuu feena.”

Istuudiyoo Omn Finfinneetti banan galma Bar-Kumee keessatti eebbisan. Maqaan qophii tanaa,Yaadannoo Hagayya 6,2016 fi Eebba Omn.’

Dhaabii Omn kun Oromiyaa keessaa magaalaa gara garaa keessatti istuudiyoo banachuuf deema.Bulchootii isaallee Oromiyaa keessa ya’anii ummataan wal mari’anna jedhan.

Jawarilleen hin deema.Deemuu qofaa mitii ummata keessaa deemee galateeffadhaa jedha.

“Achitti argamuu fi dirqamaa kana bahuun barachaaisa diqrma kana bahuuf qophii."

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG