Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Mormii Oromiyaa Keessaa Irratti Lubbuun Namaa Dhabamuu fi Kaan Madaa’uu tu Dubbatama


Mormmii Barattotaa, Oromiyaa
Mormmii Barattotaa, Oromiyaa

Godinaa Harargee Lixaa, magaalaa Machaaraa keessa ka jiru, mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa Machaaraa keessatti har’a yeroo barattoonni barachuuf mooraa seenanitti, “maaliif Yunifoormii hin uffatiin dhufatan” jechuun, humnoonni mootummaa barattoota haleeluu isaanii dubbatu, barattoonni.

Gama kaaniin Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aangaa Guduruu, magaalaa Kombolchaa keessa ka jiru mana-barnootaa sadarkaa tokkoffaa Kombolchaa irratti boombii har’a darbatameen barattoonni madaa’uu, jiraattonni.

Achuma Godinaa Horroo-Guduruu Wallaggaa, aanaa Jaartee, magaalaa Aliiboo keessatti kaleessa ennaa barattoonni sadarkaa lammaffaa fi qophaa’inaa hiriira mormii ba’anitti kanneen humnoota federaalaa haleelamanii miidhaman barattoota hedduu fi barsiisota sadii keessa, tokko akkuma wal’aansa fayyaaf Hospitaala Xiqur Anbassaa, ka Finfinnee jiru dhaqqabetti du’uu isaa jiraattonnii fi barattoonni Raadiyoo Sagalee Ameerikaaf ibsanii jiran.

Barsiisaa Addunyaa Irreechaa. Horroo Guduruu Wallaga, magaalaa Aliibootti kan ajjeefame
Barsiisaa Addunyaa Irreechaa. Horroo Guduruu Wallaga, magaalaa Aliibootti kan ajjeefame

Akka jiraattonni jedhanitti, Addunyaa Irreessoo ka jedhamu, barsiisaan mana-barnootaa sadarkaa lammaffaa qophaa’inaa Aliiboo reebichaa fi rasaasa mataa isaa haleele irra kan ka’e lubbuu dhabe. Barsiisonni akka hamaatti miidhaman ka biroon lama Hospitaala Shaambuu keessatti wa’aanamaa jira.

Aangawoota magaalaa Aliiboo irraa deebii argachuuf deddeebisnee bilbille iyyuu haga ammaatti nama deebii kennu hin aranne.

Garuu, aanaaa ollaa sana jiru – Amuru, magaalaa Oborraa keessatti, “Maaster Pilaaniin Finfinnee haa haqamu. Barattoonni hidhaman haa hiikaman” jechuun kaleessa mormii kaasuu isaaniitiin, humna mootummaatiin hidhamuu isaanii fi hagi tokko hidhamuu, ka jiraattoonni himataniif, ajajaan poolisii aanaa Amuruu har’a deebii bal’aa kennanii jiran.

Guutummaa qophii keenyaa dhaggeeffadhaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:20:23 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG