Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oomisha Itoopiyaa Keessaa Irratti Murtiin Gatii Ba'e


Motummaan Itoophiyaa gatiin gurgurtaa meeshaalee gadi cabsuun baase namoota fayyadaman yoo gammachisu; daladaltoota immoo mufachiise. Kanneen gatiin isaani gadi cabee gatii rakasaatiin gurguraman akaakuu 18. Isaan keessaa Sukkaara, Muzii, Paastaa, Daabboo fi saamunaan akka fakkenyaatti ka'u. Keessumattu foon qarshii 90 olitti gurguramaa ture qarshii 52matti gad bu'e. Zayitiin qarshii 30tti gurguramaa ture qarshii 16fi saantima 20tti gurgurame. Namoota gatii dabalanii gurguran irrattis tarkaanfiin seeraa fudhatameera.

Mootummaan Itoopiyaa gatii haaraa kana kan baase Muddee 23 bara 2003tti ture. Dhimmi kunis kan ifa ta'e muummichi ministeeraa Melles Zeenaawwii erga daldaltoota waliin maree geggeessan booda. Labsiileen dhimma kana hojii irra oolchuuf tajaajilanis bar dheengaddaa ture kan Paarlaamaa dhaan muartaa'an.

Daldaltoonni ammoo meshaaleen kun yammuu warshaadhaa dhufan baasii fi adeemasa jiru akkanumas kiraa manaaf kaffallu illee qiyyaafata keessa utuu hin galchin ba'uun isaa sirrii miti jedhaniiru.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG