Xurree ittiin seenan

Breaking News

OPDO Waliin Marii Geggeessuuf Qabxiilee Sadii Lafa Keenyeerra: KFO


Koreen hoji raawwachiistuu Kongresii Federaalawaa Oromoo wal ga’ii godhateen haala yeroo ilaalchisee dhaabbata dimokraasummaa uummata Oromoo DhDUO waliin qabxiilee ijoo sadii irratti mari’achuuf karoorsuu isaa beeksise.

Qabxileen marii isaanii ka jalqaba kanaa waltajjiin siyaasaa akka bal’atu, miseensonnii fi hoogganoonni paartii kongresii federaalawaa Oromoo akka hiikaman akkasumas filannoon walabaa akka geggeessam ta’uu itti aanaa dura taa’aan paartichaa Mulaatuu Gammachuu ibsanii jiru.

Gama biraan hojjettoonni biirolee naannoo Oromiyaa irraa walitti dhufuu dhaan kan waggoota lama ta’uuf mana hidhaa keessa turan dura taa’aa kongresii federaalawaa Oromoo Dr. Mararaa Guddinaa mana hidhaatii gad dhiisamuu isaaniif gammachuu itti dhaga’ame ibsuuf kaleeassa mana jireenyaa isaanii- tti argamuu dubbatu. Simannaa kana kan qindeessan keessaa abbaa taayitaa geejjiba Oromiyaa irraa obbo Lalisaa Margaa mana Dr. Mararaa dhaquu dhaan ergaa maalii dabarsuu akka barbaadan illee ibsanii jiru.

please wait

No media source currently available

0:00 0:07:45 0:00

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG