Xurree ittiin seenan

Breaking News

Waraanii ‘Liyuu Poolis’ godina Baalee aanaa Raayituutti nama 10 caalaa fixee jedhanii godina Booranaa keessallee loluma akkanaatti jira


Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaalee
Wal dhaba daangaa Oromiyaatii fi Somaalee

Waraana Liyuu Poolisii fi lafa jarii Oromiyaa keessaa lole jedhan
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:54 0:00

Lola Liyyuu Poolis kana godina Oromiyaa fulaa hedduutti himan.Bulchiinsii mootummaa Oromiyaallee humna hidhatetti naannoo Somaaleetii dhufee daarii Oromiyaa seenee midhaa dhaqqabsiise jedhee mirkansumatti jira.

Itti gaafatamaan biiroo odeeffannoo mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Addisuu Areggaa akkana jedhee kalee VOAtti hime. “Godina Baalee aanaa Raayitu gandoota lama keessattisa walti buhinsii uumame. Humnoonnii hidhatan achii [naannoo Somalaeeti] kahanii ummata irratti miidhaa dhaqqabsiisee.”

Jarii VOA-n Baalee Raayituutii dubbiftelleen lolii kun aanaa Raayituu gana Hara-Gurraa irratti jalqabe saatii 4-8 Hardeeroo gahe jedhan.

Akka warrii lafaa aanaa Raayituutii dubbifne jedhetti Liyuu Poolsi lola kana irratti nama 10 caalaa fixe.

Hartii-Gurraa waraanii Liyuu Poolis irratti nama hadhe jedhan Roobee irraa km 50 caalaa fagaatti Raayituu irraa ammoo km 30 fagaatti.“Fedhiin Liyuu Poolis lafuma tana fudahcuu Raayitii fudhachuu,” jedhan jiraattotii.

Mi’ee jarii namaan hadhullee akka warrii lafaa jedhutti mi’uma waraanaa gugurdaa.

“Ammallee Qillisa,Bokkool,Hara-Gurraa irratti waraana buusaa jiran,lafti tun duruu tama Oromiyaati,”jedhan.Ammallee waraanii Liyuu Poolsi Burqaa Dharroo,Dibbisa fi Hara-Gurraa fa jiraa jedhan.

Akka obboo Addisuun Areggaa jedhutti mootummaa naannoo Oromiyaa ummata hiriirsee nagaa isaa eeguuf hojjata.Taatullee obboleeyyummaan ummata Soomalee fi Oromoo tanaan hin miidhamtu.

Godina Booranaa aanaa Mooyyalee kalee waraanii Liyuu Poolis alaabaa dhaabate eegee keessaa baasan Caamuqi irratti wal eegachuutti jiran.Liyuu poolis waraana 150 tahu dabalatee dhufe,” jedha warrii nu dubbifne.

Lafa Mooyyalee irraa km 40 caalaa fagaattu Goofaa fi Laheehi jidduulleetti akka warrii dubbifne jedhetti ummataa fi waraana Liyuu Poolisitti wal hadhuutti jira.

Gama Liiban gara aanaa Nageellee Booranaa gara Godina Gujii keessalletti Odaa Diimaa,Simintoo,Uudatatii fi gara godina Booranaa aanaa Waacillee faalleetti waraana Liyuu Poolisi jalqabeen wal hadhuutti jiran.Odaan Diimaan Nageellee Booranaa irraa km 80 fagaata.

“Mootummaan naannoo Oromiyaa ummatii isaa nagaan bahee akka galu ollaa isaa waliin obbolummaan wal jaalalaan, wal kabajaa ofitti amanee akka jiraatu gochuuf hojjata,” jedha itti gaafatamaan biiroo mootummaa naannoo Oromiyaa obboo Addisuu Areggaa.

Jarii nu naannoo gara garaa keessaa dubbifnelleen waraana Liyuu Poolis malee ummata Somaaleetiin wal hadhuutti hin jirru jedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG