Xurree ittiin seenan

Breaking News

Jijjigaa keessaa Oromoo kuma hedduutti baqatee warrii baqate kun du’aa fi jireenna jidduu dabarre jedha gargaarumatti jiranillee


Wal dhaba daarii naannoo Oromiyaa fi Somaaleetiin Oromoo kuma heddu Jijjigaa baqate
Wal dhaba daarii naannoo Oromiyaa fi Somaaleetiin Oromoo kuma heddu Jijjigaa baqate
Wal dhabii daarii Oromiyaatii fi Somaalee Jijjigaa keessaa Oromoo kuma hedduu baqachiise
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:57 0:00

Wal dhabii daarii Oromiyaatii fi naannoo Somaalee dhiyoo tana akka malee hammaate nama kuma hedduu gargar baqachiise.

Keessattuu godina Jijjigaatii Oromoo hedduutti baqate.Warrii baqate kun maatii fi qabeennallee lafatti jissee namuu garuma argeen baqate.

Nama Adaamaatti bilbilaan dubbifne keessaa haatii ijoolleetii daldalaan bulti Tanumaaf jettee guyyaa sadii Somaliland ooltee guyyaa sadeessootti adoo galtuu Jijjigaa naannoo Wacaalee jedhanitti poolisiin naannoo qabde.

Akkana jetti; achii fulaa nama Oromoo hedduu itti hidhan geessan.Akka isiin jettutti makiinaatti fa’anii deemmaa guyyaa lamaatiin duubatti Harargee gahan. Deemmaa guyyaa lamaa kana keessatti woma hedduu keessa baate.

“Ummatii keenna baayyee nu gargaare,” jetti.Haatii ijoollee lamaa ta ganna 40 keessa jirtu tun. Ijoollee isii lamaan gana 8 fi 10 fi jaarsii isiillee odeeffachuutti jirti.

Aaddee Fariidaalleen nama hujii daldalaatiin jiraatu keessaa tokko. Caatii(jimaa) gurgurtee maati bulfatti.

Hujuma tana irra ooltee yoo isiin guyyaa ala gabayaa oltee galtu nama Oromoo hedduu hidhuutti jiranii qabeenna isaaniillee miidhuutti jiran jechaa dhageettee baqatte.

Isiillee qabanii du’aa fi jireenna hedduu keessa dabartee amma Adaamaa geette.Maatii isii dhaaba Fannoo Diimtuutti walti barbaadee arge.“Tohannaa jala jiranii amma nagaa qaban naan jedhan,jette.

Namii akka isii ka maatii walti barbaaduutti jiran hedduu.Warrii baqate kun gargaarsa ummatii tolcheetiif galta guddaa galcha.

Obboo Muusaa Ahmed godina Harargee Bahaa,aanaa Gursumitti itti gaafatamaa nagaa olloota daangaa irrati.

Abbootii warrraa 822 ka maatii 1,123 tahanitti Gursumitti qubate jedha.Jarii qubate kun manneen barnootaa,galama walgahii fi mana namaatti galee gargaaruutti jiranii jedha.

Akka obboo Muusaan jedhutti bulchootii naannoo lamaanii;Oromiyaa fi Somaaleen wal dhaba daangaa irratti waan walii galaniif amma namii haarahii Jijjigaa keessaa baqachuutti hin jiruu ka baqatellee ummataa fi mootummaatti akka dansaa gargaaruutti jiraa jedha.

Wal dhabii daarii Oromiyaatii fi Somaalee kun akka bulchootii jedhanitti nama kuma hedduu wal irraa baqachiise. Mootummaa naannoo Oromiyaa,Oromoo biyya keessa jiranii fi biyya alaa jiranillee nama akkana baqate kana waan hedduu qarqaaruutti jiran.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG