Mootummaan naannoo Oromiyaa, sababaa Hongee barana mudatee tureen beeyiladootni Miliyoona tokkoo fi Kuma 300 ol tahan du'uu beeksise.
Duraan Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa fi Buqqaatota Misoomaa jedhamee waamamaa ture amma maqaan gara "Gaaddisa Buusaa Gonofaatti jijjiirame akka ibsetti, hubaatiin sababaa du'uu beeyiladoota kanaan qaqqabe Birrii Biliyoona 26 olitti tilmaama.
Oduuma wal qabatuun, Ministeerri Jallisiifi Naannolee Gammoojjii, naannolee hongeen itti mudate deebisanii dhaabuuf kan oolu Birrii miliyoona 387 ol ramaduu beeksiseera.