Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Gama Lixaa Keessatti Mormii Labsii Yeroo Muddamaa Irratti Ka’een Wal-qabatee Haleellaa Raayyaa Waraanaatiin Lubbuun Namaa Dhabame


Godina Qellem Wallaggaa aanaa Hawwaa Galaan magaalaa Gabaa Roobii keessatti kaleessa raaayyaan waraanaa dargaggoo tokko rasaasaan rukutee ajjeesuu isaa fi ka biraa nama madeessuu isaa bulchaan magaalattii fi jiraattonnii dubbataa jiru.

Gama biraatiin, godinaa Wallagga Lixaa, aanaa Mana-sibuu keessatti, labsiin yeroo muddama raggaasisamuu isaa ennaa dhaga’an – qeerroon magaalattii mormiin ka’uudhaan karawwan cufuu isaanii fi raayyaan waraanaa naannoo buufatee jiru itti bobba’ee namoota lama ajjeesuu isaa dubbatu – jiraattonni.

Wallagga Lixaa, magaalaa Gimbii keessatti immoo, raayyaan waraanaa fi qeerroo magaalattii gidduutti wal-dura dhaabannaa uumame, humni kora bittimmeessaa fi poolisiin Oromiyaa gidduu seenee qabbaneessuu isaa jiraattonni VOAf ibsanii jiran. Godinaa wallagga Bahaa, magaalaa naqamtee keessatti, ijoollee waggaa kudha-shanii torban kana keessa haleellaa raayyaa ittisaan ajjeesameef sirna awwaalchaa geggeessame irratti qeerroon hirmaatanii dacha’an, naannoo Boordii jedhamutti mormii geggeessuun isaanii fi raayyaan ittisaa gaazii imimmaansisuun adda-facaasuun isaa himamee jira. Gabaasaa guutuu dhaggeeffadhaa.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:07 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG