Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessaa Bakkawwan Daawwannaa Tuuristootaa Hedduun Jraataniyuu Hanga Eegamu Dhimma Itti Hin Bahamne Jedhame


Tuurizimii Oromiyaa

Naannoo Oromiyaa keessa bakkawwan daawwannaa tuuristii hedduun jiraatanus baayyeen isaanii kan daawwataman akka hin taane dubbata, Biiroon Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa. Itti Aanaa-hoogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Oromiyaa, Obbo Hundee Kebbedee biiroon isaanii haala kana jijjiiruuf hojjetaa jira, jechuun VOAtti himan. Naannoo Oromiyaa keessa kanneen jiran bakkawwan adda addaa tuuristoota daawwachiisuurratti kanneen bobba’anis, qabeenyaan tuurizimii naannicha keessa jiru beeksifamuu dhabuun hanqina ka biraa tahuu himanii, mootummaan naannoo kana sirreessu qaba, jedhu. Gama biraan qabeenya tuurizimii Oromiyaa beeksisuuf ka hundaaye Koomishiniin Tuurizimii Oromiyaa kana guutuuf kan dhimmee hojjetaa jiru tahuu dubbate.

Gabaasa Haala Tuuriizimii Oromiyaa Caqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:08:14 0:00


Yaadawwan Ilaali (3)

This forum has been closed.
XS
SM
MD
LG