Mootumaman naannoo Oromiyaa,naannoo isaatti gama Biiroo,Bisaan,Alubuudaa fi Inerjii Oromiyaatiin fulaa 1500tti ummataa bisaan baasuutti jira.Hujiin tun hagii tokko ta barana jalqabanii,hagii tokko ta duraan jalqabanitti hin dhumatin.
Akka jecha obbo Taarikuu Nagarii,Itti Gaafatamaa Biiroo,Bisaanii,Albuudaa fi Injerjii Oromiyaatti, hujiin guddoon mootummaa naannoo Oromiyaa karaatti aansee hojjatu hujii bisaan baasuuti.Hujii tana qarshii biliyoona lama caaltuu itti jiran.
Bisaan qulqulloo qabachuu dhabuun akka obbo Taarikuutti,ummata fayyaa hin qamne ka ufiifii fi biyyallee gargaaruu hin dandeenne qabachuu taati.Mootummaan naannoo Oromiyaa tana beekee nama bisaan qulqulloo waliin gahuuf harka amma jiru 54 irraa oli guddisuuf hujiitti jira.
Oromiyaan warrii bisaan dhabee baruma baraan rakkatu,warra jireennii isaani duumansa faana yaahu--warra loonii,re’ee gaalaati.Jireenni jara kanaa roobaan-jireessaa,bara tokko toleefii bara tokkoo ammoo womaa dhaba.
Naannolee tanatti bisaan gugurdoon bahanillee ammallee namii Oromiyaa bisaan qulqulloo dhiisii booruuyyuu argachuuf karaa dheeraa yaaha.
Biiroon Bisaan Oromiyaalleen yoo addunyaan Bitootessa,22,bara 2012 guyyaa bisaanii addunyaa ulfeeffattee ooltetti faaydaa bisaaniitii fi rakkoo bisaan dhabuun fiddu irratti waan hojjatee fi waan hojjachuuf itti jiru ummatti himaa guyyaa kana,Internation Water Day,guyyaa bisaan addunyaa kana qaabataa kka obbo Taarikuutti.
Mee waan bisaan Oromiyaatti baasuutti jiranii irratti qopheessine MP3 tana irraa caqasaa.