Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetotaa fi leenjistootii isaanii Harargee dhaqanii Oromoo naannoo Somaaleetii baqatanii gargaarsa geessan---Itoophiyaan dorgommii New Yorkif nama 5 filatte


Atileeti Daraartu Tulluu bara 2010, New york
Atileeti Daraartu Tulluu bara 2010, New york

Atileeti Daraartuu Tulluu fi miilotii isii Oromoo naannoo Somaaleetii baqatan dhaqanii laalanii gargaarsallee kennaniif
please wait

No media source currently available

0:00 0:12:27 0:00

Wal dhaba naannoo Somaaleetii fi Oromiyaatiin nama hedduutti baqate. Daarii Oromiyaa fi Somaaleen waliin qabdu shananuu irraayyuu nama kuma hedduutti baqate.

Keessattuu Jijjiigaa,teessoo mootummaa naannoo Somaalee keessaa warra bara hedduu achumatti warree hore kuma heddutti achii bahe.

Atileetotaa fi leenjistootii Itoophiyaa dhiyoo tana keessaa Oromoo wal dhaba kanaan Somaalee baqatanii manneen barnootaa fi galma wal gahii Harargee Bahaa fi Harargee Dhiyaatti qubsiisan dhaqanii laalanii gargaarsallee geessaniif.

Gargaarsa kana maqaa “lammiin lammiif” jedhuun kennaniif.Leenjisaa Toleeraa Dinqaa nama jara kana walti qabee Harargee Bahaatii fi Harargee Dhiyaa keessee gargaarsa kenneef keessaa nama tokko.

Lafa shanan jarii dhaqee laale keessaa ; Deder,Hirnaa fi Mi’eessoo fa. Leenjistootii anaa[Toleeraa Dinqaa], Huseen Shiboo fi Hajjii Adiloo. Atileetotii Daraartuu Tulluu, Himaanaa Margaa, Ibraahim Jeylan,Roobaa Gaarii,Balaynesh Olijirraa fi Geexee Waamii ti.”

Jarii kun wayaa,waan ijoollee fi haawwan fedhan, firaashii, ruuzii, paastaa fi waan hedduu qarshii kuma 500n bitan.

Afaan warraa baqatee irraa maaan dhageettan jennaan“Waan afaaniin himanii fixani miti jedhee “seenaa keessati waan galmaa’ee taa’aati,” jedha.

Baqa kanaan maaiti hedduutti gargar badde,nadheen hedduutti galama itit walqaban keessatti dahe,ijoollee dubraa didiqqoo gaafa baqa sun rakkoon hamtuu itti dhufte.

Nama rakkoo akkanaa tana keessa jiru ammoo gargaaruuf akka obboo Toleeraan jedhutti “Waamicha hin barbachiisu. Dhageennaan gahaadha.Dirqama lammummaa bahuu qamna.”

Jarii kun itti aanee ammoo nama wal dhaban kanaa Boorana, Gujii, Baalee qahee ufiitii baqate dhaqee laala.

Harargee lamaanilleen deebi’anii rakko namii keessa jiru laalan.“Kana caala hojjachuuf qophii jirra,” jedha obboo Toleeraan.

Gama kaaniin ammoo atileetotii addunyaa maratoonii Sadaasaa 5,2017 irratti New York, Amerikaatti qopheessaniif nama shan filatte.

Lalisaa Deesisa,

Lammii Birhaanuu

Maammituu Dakaa

Tigisti Tufaa

Maaree Dibaabaa

Dorgommiin New York,Chikaagoo fi Boston faatii dorgommii maqaa guddaa qaban ka namii moo’lleen horii kum ahedduu argatu.

Namii maratootii New York ta km 42 moo’e doolara Amerikaa kuma 100 qabaadhata.Recordii cabsee jennaan ammoo walumattu kuma 200 harata.

Lammiin akka leenjsiaan isaa Toleeraa Dinqaa jedhutti dorgommii Bostonii asitti foon miilatti dhibaa bahee taatullee hinuma dorgoma.

Lammiin armaan duratti maratoonii Chaayinaa moo’e.Yoo hardha ani dubbisellee leenjisaa Toleeraa waliin dorgommiif jedhanii Sandaaffaa galan. Galgala daqiiqaa 50 ganamaa ammoo saatii 1:30 leenji’fame.

Dorgommii akkanaatiif qophaa’uuf asfaaltii irratti,dhagaa irratti tarbee irratti leenifaman.

Dorgommii New York ta Sadaasaa 5,2017 tana nama kuma 51 caalutti irratti wal dorgoma

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG