Xurree ittiin seenan

Breaking News

Galaanaan Nyaatamanii Hafuun carraa Keenya Ta’e kutaa 1ffaa


Yaballi Muddee 17 bara 2012 galgala Puuntlaand Bosaasoo irraa baqatoota 60 feetee kaate handaara galaanaa Bosaasootti galaanaan nyaatamuu polisiin biyyatti ibsee jira.

Magaalaa handaara galaana bosaasoo taate Mareeroo jedhamtu irraa yaballi kun kan kaate yoo ta’u baqatonni feetee turtees harka caalaa Oromoo ta’uu isaanii itti aanaa ministeera eegumssa fayyaa puuntlaad Urgaas Yaasiin ibsanii jiru. Lammiwwan Somaaliyaa hangi tokko keessa jiraachu beekamee jira.

Jaarmayaan godaantootaa kan sadarkaa addunyaa qorannaa gaggeesseen bubbee hamaa tureetu yaballi kun gara tokkotti jallattee akka garagaltu dirqisisuu isaa kanneen lubbuun hafan ibsaniiru jedhu.

Baqattoota lubbuun hafan keessaa tokko Raadiyoo Sagalee Amerikaaaf akka ibseetti garuu namoota seeraan ala nama deddebisantu baqattootaa Dullaa fi qawween tumee akka dirqiin yabala sana irraa bishaaniitti utaalan dirqisisee jedha.

Madaan baqattoota irraa mul’atu eessaa akka dhufee garuu qoratamaa jira jedhu aangawaan jaarmayaa godaantoota addunyaa Hussein Hassan.

Gaaffii fi deebii guutuu armaan gaditti cqasaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:13:28 0:00
Xurree marsariitii
XS
SM
MD
LG