Xurree ittiin seenan

Breaking News

Hiriira Barattootaa Har’as Itti Furfee Oole, Jalqabaa Haga Ammaatti Sagal tu Ajjeesame, Jedhu Mormitoonni


Hiriira Barattootaa
Hiriira Barattootaa

Hiriirri barattoota Oromoo Har’aa fi Kaleessa godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti itti fufee ooluu isaa dubbatu jiraattonnii, hoogganoonni dhaabota mormituu fi barattoonni.

Kanneen hiriirawwan torban dabree fi san duraa irratti ajjeefamanii ala, Finca’aa, Ilfataa fi Ada’aa Bargaa dabalee bakkawwan birootti namoonni ajjeesamuu dubbatu, barreessaan Ko0ongiresa Biyyoolessaa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa. Har’as, hiriirichi itti fufee, godinaa Gujii, oddoo Shaakkisoo, Shawaa Kibba-Lixaa, Waliisoo, Shawaa Lixaa, Jalduu, Horroo-Guduruu Wallggaa, Haratoo keessatti hiriirri mormii geggeessamuu isaa fi ennaa humnoonni mootummaa tarkaanfii fudhatan walitti-bu’insi uumamuu barattoonni fi jiraattonni naannoo nuuf ibsanii jiran.

please wait

No media source currently available

0:00 0:12:29 0:00
Xurree marsariitii

Barreessaan Koongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Beqqelee Nagaa akka jedhanitti, eega hiriirichi jalqabamee kaasee haga ammaatti walumaa-galatti namoota sagal tu ajjeesame. Kanneen reebamanii madaawan, kanneen hidhamanii fi achii buuteen isaanii dhabame dhibbaan lakkaawama, jedhu.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG