Xurree ittiin seenan

Breaking News

Oromiyaa Keessatti Hidhaa fi Ajjeechaan Bal’inaan Itti Fufe, Jedhu Mormitoonni fi Jiraattonni


Barattoonni Yunivarsitii Amboo yeroo mooraa gadhisanii ba'an, Muddee 2015
Barattoonni Yunivarsitii Amboo yeroo mooraa gadhisanii ba'an, Muddee 2015

Barattoonni Yunivarsitii Amboo, ka mooraa Awwaaroo akka jedhanitti, humnoonni mootummaa federaalaa baatii tokko duraa jalqabanii mooraa yunivarsitichaa keessa buufatanii jiran, otuma barattoonni hiriira mormii hin ba’iin itti bobba’anii reebaa hidhaa jiran.

Yeroo barattoota gar-malee reeban, prezidaantiin Yunivarsitichaa, Dr. Mitikkuu Teessoo ka callisanii isaan ilaalan ta’uu dubbatu, barattoonni. Sanbata dabre kana yeroo mooraa Yunivarsitichaa keessatti reebichi geggeessamu, barattoonni garii baqachuu isaanii fi humnoonni mootummaa qawweedhaan faana-bu’uudhaan, kanneen argatan qullaa isaanii lafa ciibsanii tuman, jedhu.

Dr. Militkkuun gaaffii VOAn dhiheesseef kaleessa ennaa deebii kennan, wanna ta’aa jira – jedhaman kana, “ani homaa hin beeku” jechuun isaanii ni yaadatama.

Shawaa Kaabaa, magaalaa Ejeree keessatti, akkasumas, Hararghee Lixaa, magaalaa Asaboot keessatti barattoota irra reebichi hamaan geggeessamuu isaa fi garii immoo qabamanii hidhamuu dubbataa jiran, barattoonni fi jiraattonni.

Gama biraatiin, barreessaan Kongiresa Federaalawa Oromoo, Obbo Baqqalaa Nagaa, hidhaa fi reebichi miseensota keenyaa fi uummata keenya irratti geggeessamu itti fufee jira, jedhu. “Aangawoonni Bulchiisa Naannoo Oromiyaa moggaatti dhiisamanii, Oromiyaan ajaja humna waraanaa federaalaan bulaa jirti” illee jedhan – Obbo Baqqalaan.

please wait

No media source currently available

0:00 0:20:26 0:00
Xurree marsariitii

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:59 0:00
More
XS
SM
MD
LG