Xurree ittiin seenan

Breaking News

Atileetota Oromiyaatii fi artistootii Oromoo, ummata Oromoo wal dhaba daarii Somaalee fi Oromiyaatiin baqate gargaaruuf mariiitti jiran


Atileetotaa fi artistootii Oromoo ummata Oromoo daangaa irraa baqate gargaaruuf kurfoo jiran
Atileetotaa fi artistootii Oromoo ummata Oromoo daangaa irraa baqate gargaaruuf kurfoo jiran

Atileetotaa fi artistootii Oromoo ummata Oromoo daangaa irraa baqate gargaaruuf kurfoo jiran
please wait

No media source currently available

0:00 0:06:11 0:00

Wal dhabaii daarii Oromiyaatii fi naannoo Somaalee kun nama kuma hedduu baqachiise.

Teessoo mootummaa naannoo Somaale,Jijjigaa keessaanyuu nama kuma kurnya hedduutti baqatee Oromiyaatti gale.

Atileetotii Oromiyaa marii dhiyoo tana atileetotii Oromoo waliin itti jiranitti ummata rakkoo tanaan baqate gargaaruuf mari’atan.

Tanumaaf jedhanii kaleellee Finfinneeti kora taa’an.Waldaan Atileetota Oromoo waldaa wal jaaruuf yayyabamuutti jiru.Atileeti Ibraaim Jeeylan pirezidaantii waldaa kanaati.

Jal-bultii Irreechaa irratti Galma Jidduu Gala Aadaa Oromoo keessatti ummata baqateef horii walti qabuuf qophiitti jirra jedha.

Akka atileetota, artistootaa fi ummatilleen tana keessaa qooda qabaatu fedhan. Hujii tana ammoo artititoota Oromoolleen ya wal mari’atan.

Ammallee Kamisa dhufullee tanumaaf jedhanii marii taa’an.

“Nama 500 caalaa arganna jennee abaddanna,” jedha pirezidaantiin waldaa kanaa Ibraahim Jeeylaan.

“Akkuma beekamu ummannii kenna hedduun qabeennaa fi qa’ee isaa irra buqqa’aniiru nullee ni illaallata.Hawaasa keenna maatii keenna. Waan nurraa eegu isaani gumaachuu qamna jennee,” jedha Ibraahim.

Tana malee waldaan kun atileetota Federeshinii Itoophiyaa waliin fiigihaa “lammiin lammiif, ‘jedhu fi teletoonii qopheessee ummata gargaaruuf kurfoo jira.

Qophii tana cufa irratti akka namii bahee ummata wal kanaan baqate gargaaru fedha.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:44 0:00
More
XS
SM
MD
LG