Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaaan Masrii akka pirezidaantii isaanii Abdel el-Sissi yoo fedhe waraana biyya isaa Liibiyaatti ergee nagaa eegisuu hajaje


Egypt Parliament
Egypt Parliament

Liibiyaa mootummaa lamatti gama gamaa wal irra qabee bulchuutti jira. Mootummaa gama Liibiyaa gama Tiripoolii jiru Turkiitti gargaara.

Pirezidaanti Siisiin jara kanaan seera cabsitanii ‘taraarrii taakkitanii’ jennaan isanti hin dhiisu jedhe.

Masriin nagaa magaalaa isii Sirtee akka isiin akka malee nagaa taatu feeti.

Haja paarlaamaa Masrii Sissi kenneen waraanii Liibyaa gama tokkoon harkaa qabu amma womaa hin jenne.

Akka MEIDA Masriitti pirezidaantii isaaniiti fi pirezidaantiin Amerikaa Doonald Tiraampi akka Liibyaan nagaa qabaattee waraanii dhaabatu bilbilaan wal dubbatan.

Parlaamaan Liibiyaa gama Bahaa bulchu akka waraanii biyya isaanii daarii isaanitii bahee faayidaa daarii Masrii eegu hajaje. Masrii biyya tokko seentee loluuf paarlaamaan harka sadi keessaa lama hajajuu male.

Akka ministerii haajaa alaa Masrii, Sameh Shoukri jedhetti biyyitii isaa Liibiyaa ufuma irratti quba qabdi.

“Masriin Liibiyaa akkuma aadoyyee qalbiin quba qabdi nagaa biyyoolessaa Arabaa jabeessuuf hojjachuu qamna.”

Taataullee akka miseensotii paarlaamaa biyya sunii jedhanitti Paarlaamaan Masrii pireizaantii isaa hajaje jechuun dhaqii loli bani jechuu iti jedha.

Liibiyaan eegii pirezidaantii isii Gadaafii ijjeesanii mootummaa isaallee gara galchanii amma mootummaa lamatti gama gama harkifachuutti jira

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG