Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaa Kaase


Labsii yeroo hatattamaa simachuu fi raggaasisuuf labsiin ba’e lakkoo 10832/2010 shaaruuf kan dhiyaate wixineen labsii lak. 1088/2010 sagalee ol aanaa fi sagalee calliinsaa 8n raggaasisameera.

Guraandhala 9 mana maree ministeerotaan ba’ee paarlaamaan kan raggaasisame labsii yeroo muddamaa ti kan guyyaa har’aa kaafame.

Manni maree murtii kana irra utuu hin ga’in dura yaada murtii mana maree ministerotaan wixineeffame labsichi akka ka’u gaafate irratti mari’atee jira.

Paarlaamaa keessatti itti aanaa itti waamamaa minister deetaa kan ta’an obbo Amaanueel turan labsiin sun akka ka’u kan gaafatu yaada murtii mana mareef kan dhiyeessan.

Marii geggeessameen miseensonni mana maree yaadawwan adda addaa kaasaniiru. Labsiin sun mirga namaa fi dimokraasummaa ugguree turuu isaa ilaalcha biyyattiin qabdu, investmentii tuurizimii miidhuu isaa kanneen ibsan turan.

Labsiin sun akka labsamu kan ta’eef haalli biyyattii keessa ture waan dirqisiiseef kanneen jedhan immoo labsiin kun ka’uun gaarii ta’us barbaachisaa ture jedhu.

Miseensi paarlaamaa tokko akka jedhanitti immoo namni rakkoon irra ga’e qooda ukkaamamu iyyaa akka du’uuf carraa kennaaf jedhan.

Labsiin yeroo muddamaa kun hojii irrak an oole ji’a sadii fi torban sadii fi ture. Labsiin sun barbaachisaa miti kanneen jedhan gareeleen mormituu, hayyoonnii fi moodtummoonni alaa labsiin sun hatattamaan akka ka’u gaafataa turuun isaanii ni yaadatama.

Paarlaamaan Itiyoophiyaa Labsii Yeroo Muddamaa Kaase
please wait

No media source currently available

0:00 0:03:22 0:00

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG