Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartiin Badhaadhinaa Amboo keessatti Duula Na Filadhaa Geggeesse 


Paartiin Badhaadhinaa Amboo keessatti Duula Na Filadhaa Geggeesse 
Paartiin Badhaadhinaa Amboo keessatti Duula Na Filadhaa Geggeesse 

Itti Gaafatamaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Naannoo Oromiyaa Obbo Fiqaaduu Tasammaa duula na filadhaa dhaabbatichaa har'a magaalaa Ambootti geggeessame irratti haasawa dhageesssaniin, “Gama beekumsaafi teekinooloojii, diinagdeefi sirna ijaaruun ni hojjanna” jechuun karoora paartichaa ibsan.

Gama biraatiin immoo, paartiilee filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaatti hin hirmaatiin hafan keessaa, itti gaaafatamaan Sab-quunnamtii Yeroofii, kan Paartii Adda Bilisummaa Oromoo yokaan ABO obbo Daawud Ibsaan hoogganamuu, Obbo Lammii Gamachuu, “ABO’n filannoo fakkeessii kanatti hirmachuu dhiisuu isaaf waan gaabbu hin qabu. ABO’n siyaasa Itoophiyaa keessatti hirmaannaa karaa nagaa jalqabe itti fufa” jedhan.

Itti Gaafatamaan Waajjira Paartii Kongirasii Federaalawa Oromoo yokaa KFO, Obbo Xirunaa Gamtaas, “ Paartiiin biyya bulchu Badhaadhinni filannoo kana irratti qofaa isaa dorgomuun rakkoo jiru hammeessuurra faayidaa qabaata jennee hin amannu,” jedhan.

Paartiin Badhaadhinaa Amboo keessatti Duula Na Filadhaa Geggeesse
please wait

No media source currently available

0:00 0:09:53 0:00


Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG