Xurree ittiin seenan

Breaking News

Paartileen Mormituu Itiyoophiyaa Keessaa Haleellaa Boombii Sambata Darbee Balaaleffatan


(Suuraa faayilii)

Paartiin guutummaa tokkummaa Itiyoophiyaa, Semaayaawii paartii fi gamtaan Medrek akka Sambata darbe uummata deggersa muummicha ministeeraaf ba’e irratti kan raawwatame haleellaa boombii balaaleffataniiru.

MEAD guyyaan kun kanneen wareegamanii fi tokkummaa biyyoolessaaf yaadannoo ta’ee waggaa waggaan akka kabajamu waamicha dabarseera.

Paartiin Semaayaawiis gama isaan walabummaa Itiyoophiyaa fi wal jaalala uummata ishee waaltaa cimaa ta’een hundeessuun barbaachisaa dha jedhee jira.

MEAD kana kan beeksise ibsa har’a baaseen ta’uu Meleskachoo Ammahaa Finfinnee irraa gabaaseera.

Yaada kenni

XS
SM
MD
LG