Marii tana ji’a shaniin duratti jalqabanii faayidaa Oromoo irratti mari’achaa bahan.
Gaadisii Hooggansa Oromoo kun dantaa Oromootiif walii gale.Wal dhaba jirullee gaaddisa kanattiin dhufatanii fala itti barbaadan.
Akka Oromoo fi Oromiyaan nagaa qabaattee wal dhabaa fi waraanii ariitiin dhaabatu warra dubbiin tun laaltutti himanii akka isiin taatullee irratti hojjatan.
Oromiyaatti filannoo seeraa fi dhugaa qabeettii qabaachisuuf walii galan.
Gaaddisii Hoooggansa Oromoo kun akka Irreechii Finfinnee nagaan dhumatullee hojjachuuf irratti walii gale.
Gaaddisa Hoggansa Oromoo"fulaa Muummeen Ministera Itoophiyaa Dr Abiy Ahmed, Itti aanaan pireziaantii Oromiyaa,Shimellis Abdiisaa,Minsitera Ittisa Biyyaa,Lammaa Magarsaaf bulchootii dhibiin jiranitti walii gale.
Walumattuu akka qindeessaa marii tana keessaa Jawaar Mohaammad jedhetti waan 14 irratti walii galan. Hooggansa kana obboo Lammaa Magarsaatti walti qaba.