Paatiriyaarikiin mana Amntaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Abune Maatiyaas gara magaalaa gudditti naannoo bulchiinsa Tigraay Maqaleetti imalanii jiru.
Imalli Paatiriyaarikichii gara Maqaleetti taasisan ergaa mannii amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa, walwaraansaa waggoottan lamaaf Tigraay keessatti taasifamaa ture balaaleffachuu dhiisuu isheetiif kommii naannoo Tigraay irraa dhihaateef ifatti dhiifama gaafatee as isa jalqabaa akka ta’e beekameera.
Abuune Maatiyaas imala isaanii kanan hoggantootaa waldaa Ortodoksii naannoo Tigraay ,warren ji’a caamsaa bara 2021 jalqabee waltidhufeenyaa nama amantaa Ortodoksii Itiyoophiyaa waliin qaban Addaan kutuu isaanii labsanii wajjin walgahii akka taasisan ibsameera.
Hoggantoonni mana kiristaanaa Ortodoksii naannoo Tigraay hogganaa mana kiristaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa Buufata Xiyyaaraatti akka hin simanne Mulugeetaa Atsibiha Maqalee irraa gabaaseera.
Forum