Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantiin Masrii Waashiingiton Seenan


Prezidaantiin Amerikaa Donaald Traamp gita isaanii kan Masrii Abdel Fattah El-Sisii waliin kaleessa white House keessatti wal arganii jiru. Hoggannni Masrii kun sirnaan Waayit Haawuus yeroo daw’atan kun ka jalqabaa ti.

Mootummaan waraanaan hogganamuu bara 2013 mootummaa uummataan filatamee ture eega aangoo irraa busee ofii aangoo qabatee booda Prezidaantiin Amerikaa duraanii Baraak Obaamaa gargaarsa Masriif kennaa turan hundumaa dhaabanii turan.

Obaamaan prezidaant Sisii gara Waayit Hawusiitti hin afeerre. Walgahii Waayit Haawuus keessatti gaggeeffame uummanni Masrii gurra qeensee dhaggeefachaa jira.Kunis imaammata Traamp Masrii irratti qabu yoo ni jijjirama tae dhaggeefachuuf ta’uun beekamee jira.

XS
SM
MD
LG