Xurree ittiin seenan

Breaking News

Somaliilaand Keessatti Beelli Sodaa Uumee Jira


Somaliilaand Keessatti Beelli Sodaa Uumee Jira
Somaliilaand Keessatti Beelli Sodaa Uumee Jira

Ripaablikii Somaaliilaand keessatti beelli sodaachisaa kan jiru ta’u aangawoonni biyyatti beeksisanii jiru. Kunis sababaa caamaan kan ka’e sagantaa Misoomaa gaggeeffamaa ture aangawoonni erga dhaabsisanii booda.Caamnii mudatee namoonni kurnaa ol du’uuf akkasumas beeleedaalee kutaa biyyatti gama bahaa keessa akka dhuman sababaa ta’e jira.

Itti aanaa prezidaantiin Somaaliilaand kan ta’an Abdiiraahmaan Seylici Hargeessaa irraa Raadiyoo Sagalee Amerikaaf akka ibsanti caamnii hammaataa deemee kun beelli dhaqqabuuf carraa jiru guddisee jira. Angawaan kun itti fufanii akka ibsanti somaalii Laand caama kana dura dhaabachuuf qabeenyaan qabdu xiqqoo dha, caamnii mudatees dinagdee biyyattii akkaan miidheera jedhan.

Angawoonni sagantaa misoomaa gaggeeffamu kan dhaabsiisan bajata qaban to’achuuf akkasumas caamnii yoo hammaatee jechuun qophaa’uuf ta’u ibsanii jiru.

XS
SM
MD
LG