Xurree ittiin seenan

Breaking News

Deemsii mana murtii  Keessaa Seeraa fi Heera Biyyatti Waliin Wal Quba Qabaa? Kutaa 1 ffaa


Deemsii mana murtii  Keessaa Seeraa fi Heera Biyyatti Waliin Wal Quba Qabaa? Kutaa 1 ffaa
Deemsii mana murtii  Keessaa Seeraa fi Heera Biyyatti Waliin Wal Quba Qabaa? Kutaa 1 ffaa

Manni murtii Federaalaa olaanaan Lidataa jiru har’a himatamtoota adda addaaf bellama Ka biroo kenne jira.Sababaan guyyaa biraatti dabarsuuf kennees abbaan alangaa raga-baatoota dhiyeessuu hin dandeenyee akkasumas manni murtiin hojiin itti baayyate kan jedhu ta’u abukaatoo kan ta’an Obbo Wandimmuu Ibsaa dubbatanii jiru.Yakka ilaalchii himatamtoota irratti gaggeeffamu yeroo hedduu sababaan adda addaan bellama guyyaa biraatti dabarsuun baratamaa dhufeera.

Ragaan afaan hojii biyyatitti jijjiramee hin dhiyaannee, sagaleen waraabamee bifa sii Diin dhiyaate dhaga’amuu didee jedhama. yeroo kaan immoo abuukaatoon hidhamtoota waliin wal arguu fi mari’achuu dhorkamuun kan ka’e qophii barbaachisuu gochuuf danqaa ta’u isaan abuukaatoonni hedduun komee dhageesisuu.

Gama kaaniin hidhamtoota manni murtii ragaa dhabuun walaba jedhee polisiin hidhee kaa’uun rakkoo biraati. Kanneen manni murtii walaba baasee ituu hin gadhisiin polisiin achuumtti himannaa biraa irratti dhiyeessuunis ni jira.Hidhamtoonni mana hidhaa keessatti wal argan walii isaanii irratti ragaa akka ba’an yeroon itti ta’e akka jiru abukaatoleen adda addaa ni dubbatu.

Deemsa mana murtii fi seeraa fi Heerri biyyatti quba wal qabaa?

Deemsii mana murtii  Keessaa Seeraa fi Heera Biyyatti Waliin Wal Quba Qabaa? Kutaa 1 ffaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:11:06 0:00

XS
SM
MD
LG