Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa Irratti Yaaliin Ajjeechaa Taasifame Jedhe, Poolisiin


Adabaabaayii Magaala Gaambeelaa, Bara 2019
Adabaabaayii Magaala Gaambeelaa, Bara 2019

Pirezidaantii Naannoo Gaambeellaa Umood Ujuluufi anga’oota Olaanoo Naannichaa biroo irratti yaaliin ajjeechaa taasifamuu Komishiniin Poolisii Naannoo Gaambeellaa beeksise.

Komishinarri Itti Aanaan Tuut Koor akka jedhanitti, yaaliin ajjeechaa kun kan raawwatame Jimaata torban darbee, yommuu anga’ootni kunneen daawwannaafi mariif gara Godina Joor dhaqanitti ture.

Yaaliin ajjeechaa kanaan miidhaan dhaqqabe akka hin jirree fi kanneen yaalii ajjeechaa kanaan shakkaman keessaa 25 poolisiin qabamuu ibsan.

Gabaasaa guutuu caqasaa

Pireezidaantii Naannoo Gaambeellaa irratti yaaliin ajjeechaa taasifame jedhe, Poolisiin.
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:53 0:00


XS
SM
MD
LG