Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Irratti Mormiin Ka’e Daran Hammaataa Dhufe


Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Irratti Mormiin Ka’e Daran Hammaataa Dhufe
Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Irratti Mormiin Ka’e Daran Hammaataa Dhufe

Prezidaantiin Afriikaa Kibbaa Jacob Zuma waldaa hojjettoota guddichaa biyyattiif ibsa kennuuf ennaa waltajjitti ol ba’an mormiin itti ka’e.

Thuso Khumalo Johannesburg irraa akka gabaasetti, paartii biyya bulchu, African National Congres fi Zuumaa gidduu adda addummaan jiru hammaataa deemuu isaaf kun ragaa dha, jedha - xiinxaltoonni.

Prezidaantichi Afrikaa Kibbaa – Jaakoob Zuumaa, ayyaaneffannaa guyyaa hojjetootaa yokaan MAY DAY ka kaleessaa irratti haasawa dhageessisuuf ennaa magaalaa Bloominfoonteen, kan kutaa Free Statetti hojjetoota kuma hedduu walga’an duratti dhihaatan, murni tokko harka dhawanii simatan. Garuu, irra-jireessi uummata achitti walga’ee, faaruu fi dhaadannolee Zuumaa balaaleffatan dhageessisuutti ka’an.

Prezidaant Zuumaan otuu jecha tokko hin dubbataniin walga’icha hojjetootaa dhiisanii deeman. Qindeessitoonnis walga’icha bittimsan.

Ammaan dura, mormiileen akkanaa jaarmayaalee mormitootaa fi gurmuulee farra Zuumaa irraa dhaga’amaa turan. Kaleessa garuu, miseensota Waldaa Hojjetootaa Afrikaa Kibbaa, kanneen irra-jireessi isaanii miseensota ANC ta’an irraa itti ka’e.

Xiinxalaan siyaasaa Somaadoodaa Fikeenii, akka ANC-n dhimma Zuumaatti ilaalcha kennee furmaata barbaadu dhiibbaan itti jabaachuu isaa hubachiisan.

ANC-n waa’ee jiraachuu dhaaba isaa Zumaa dhaa alaa hin yaadu taanaan, Afrikaa Kibbaa waa’ee ANC dhaa alaatti baruuf deemti. Dadhabbiilee siyaasaa yeroo dhaa yerootti Prezidaanticha irratti mul’atu irratti dubbanii furmaata barbaaduu hanqachuun daafoo siyaasaa akkanaa fida.

Waajjirri Prezidaant Zuumaa, waa’ee mormii kaleessaa kana ilaalchisee haga ammaa waan dubbate hin qabu. Garuu, dura-taa’aa paartii mootummaa, kan ANC, hanga yeroon Prezidaantummaa Zuumaa bara 2019 xumuramutti eenyu illee taayitaa irraa isaan buusuu hin danda’u – yaada jedhutti cichanii deebii kennan. Mormiin kaleessaa immoo, dhaabbatoota michoota ANC ta’an lama illee of keessaa qaba.

Paartiileen mormitootaas, mormii uummataa kaleessa irratti ka’e sana gammachuun simatanii jiran. Akka Prezidaant Zuumaa irratti, sagaleen “non-confidence vote” jedhamu, kan amantaa irratti dhabinsaa kennamu gaaffii jiru daran cimsuuf deema – jedhan.

Prezidaantii Afrikaa Kibbaa Irratti Mormiin Ka’e Daran Hammaataa Dhufe
please wait

No media source currently available

0:00 0:02:49 0:00

XS
SM
MD
LG