Solomoon shumiyyee Meazaa Mohammad fi Tamasgeen Dassaalany Kibxta kaleessaa mana murtii fedeeraalaa isa jalqaba dhimmi ilaaluu duratti dhiyaachuun wabii qarshii kuma kudhaniin akka ba’an murteessee ture.
Garu humnootiin polisiin Fedeeraalaa murtii kenname irratti iyyata mana murtii ol aanuutti dhiyeeffatee jira.Manni murtii olaanaaniis murtii wabiin gadhiifamuu kenname diduudhaan gara hidhaatti akka deebi’an ta’e jira.
Abukaatoo isaanii kan ta’an Henook Akliiluu RSA akk ibsanti kun akka ta’uuf jiru nan beeka jedhanii garu akka gadhiifaman gaafachuu itti fuufna jedhan. Dhimma siyaasa irraa maddeen mana murtii duratti ennaa dhiyaatu, waan akkasii arguun baratamaa dha.Keessumaa Gaazexessoota akkaan mootummaa qeeqan taanaan kan jedhan abukaatoo HeenookKanaaf na hin diinqisiifne jedhan.Mana murtii isa gad aanuu keessatti mirgii wabii akka sii eegamuu murteessanii inni sadarkaa olaanaa immo murtii sana kuffisa.Beekamaa dha.
Oduu gabaastoota mootummaa mummicha ministeeraa qeequun beekaman kanneen baatii dabree hidhamn 19 keessaati Gaazexeessonni kun sadeen. Mootummaan garu Gaazexessonni kun hojii gaggeessan keessatti, hokkara kakaasuu akkasumas nagaa biyyatti keessaa jeequ jechuun himata.
Abukaatoo Heenook RSA akka ibsanti, Gaazexeessonni kun yoom deebi’anii mana murtiitti akka dhiyaachuuf jiran waan beekamee hin jiru.