Xurree ittiin seenan

Breaking News

Poolisin Finfinnee Eegumsaa Naannof Namoottan 147,000 Leenjjisuu Beeksise


Nama meeshaa hin hidhannee naannoo Booletti konkolaattaa sakata'u, Finfinnee, Sadaasa, 19, 2021.
Nama meeshaa hin hidhannee naannoo Booletti konkolaattaa sakata'u, Finfinnee, Sadaasa, 19, 2021.

Yemuu hidhattoonni Adda Bilisumaa Ummataa Tgiraay garaa magaalaa Finfinneetti dhihaachaa jiru jedhamu kanatti jiraattonni magaalaa Finfinnee naannoo isaanii egaa akka jiran gabaasameeraa.

Poolisin magaalaa finfinnee eegumsaa naanno kanaaf namoottan fedhii isaanii agarsiisan 147,000 leenjjisuu isaa gabaasin Rooyiters ibseera.

Namii Geetachoo Magarsaa jedhaman loltuu duraan fi yeroo amma eegummsaa naannoo irra jiran Rooyiters haasofsiise yemmuu dubbatan, "ammaa uleedhaaniin naannoo koo eegaa jira , yoo barbaachisaa ta’e meeshaan naaf kennamuu danda’a," jechuun isaanii gabaasameera.

Eegumsii naanno ykn waardiyummaan miseensota hawaasaa erga jalqabamee torban tokko akka ta’e kan hime gabaasin kun, namoonni dhalattootaa Tigiraay ta’an gosaa isaaniitif qofa akka adamsamaa jiran ibseera.

Komishiiniin mirga namoomaa Itiyoophiyaa namoonii dhalatootaa Tigiraay ta’an hedduminaan hedhamaa akka jiran ibseera. Poolisiin gama isaatiin kan too’annaa jala olaa jiran namoottan ABUT wajjin hidhata qabu jedhamanii shakkaman akka ta’e dubbate.

Komishiini Poolisii magaalaa Finfineetti Daarekteera poolisumaa hawaasaa kan ta’an Komaander Solomon Fantahun akka madda oduu Rooyiteristi himanitti, Yeroo ammaa namoottan fedhii isaaniitin galmaawan 147,000 leenjisuudhaan warren yakka raawwatan too’achaa akka jiraniif, namoonii biroo 2000 fedhii isaaniitin poolisii gargaraa akka jiran gabasameera.

Dhimmi kana irratti gareen ABUT yaada qabu argachuu akka hin dandeenye Rooyitars Ibseera.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG