Xurree ittiin seenan

Breaking News

Pop Fraansis Daawwannaa Mozaambik Dhaamsa Sadi’iin Xumuran


Abuuniin Kaatoolika Roomaa – Pop Fraansis, daawwannaa guyyoota sadi’iif Moozaambik-tti geggeessan, dhaamsa sadi’iitti fuuleffatanii xumuranii jiran.

Uuummatni guutmmaa argii Afrikaa irraa deemee, kuma dhibba shanitti tilmaamamu, kaleessa Isteediyeemii magaalaa Mapuutoo jiru keessatti ennaa walga’etti – kaleessa, abdii, nagaa fi araaratti fuuleffachuudhaan, haasawa dhageessisanii, daawwannaa isaanii eebbaan xumuran – Pop Fraansis.

Dhimma wal-mormii amantii fi siyaasaatiin wal-danqaa fi rakkoo hedduu keessa jirtu – Moozaambik keessatti, daawwannaan guyyaa sadii, Pop Fraansisiif yeroo gabaa ture.

Daawwannaa isaanii itti aanuuf gara – Maadaagaaskaaritti dabran – Abuunichi Kaatoolika Roomaa.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG