Xurree ittiin seenan

Breaking News

Presidaantiin Chaayinaa Biilsa Waajjira Guddoo Gamtaa Afriikaa Haaraa Eebbisuuf Jiru


Kan baatii kana keessa eebbifamuuf jiru waajjira guddoo haaraa kan gamtaa Affriikaa eebbsuuf jecha presidantiin Chaayinaa Hu Jintao Finfinnee seenu jedhamee eegama.

Sirni eebbaa sun kan geggeessamu hoogganoonni Afriikaa wal ga’ii isaanii kan amajjii keessaa waajjira gamtaa Afriikaa keessatti yero jalqabaaf geggeessuu utuu hin jalqabin guyyaa tokko dura.

Akka amaleeffatanitti hoogganoonni biyyootii Afriikaa waggaa waggaan baatii Amajjii keessa Finfinnee keessatti wal ga’u. Galmii gamtaa Afriikaa xiqqoo waan ta’eef wal ga’iin sun duraan waaltaa konferensii tokkummaa mootummootaa magaalaa Finfinnee jirutti geggeessame.

Biilsi inni haaraan ijaaramuukan jalqabe baatii Waxabajjii bara 2009 yeroo Finfinneen magaalaa diplomaasumaa ta’uun ishee shakkii keessa turetti.

Magaalattiin erga dhaabbatichi tokkummaa Afriikaa hundeeffamee qabee bakka teessoo waajjira isaatii taatee jirti. Dhaabbati tokkummaa Afriikaa kan hundeeffame bara 1963 gargaarsa Mooticha Haile Sillaaseen yoo ta’u teessoon dhaabbaticha Finfinnee akka ta’uuf dhiibbaa kan godhanis isaani.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG