Xurree ittiin seenan

Breaking News

Prezidaanti Baayiden Waggaa Tokkoffaa Haleellaa Mana Maree Irratti Raawwate Ilaalchisuun Haasaa Dhageessisan


Prezidaanti Joo Baayiden Kaapitool Hiil irraa yeroo haasaa dhageechisan, Amajjii 6, 2022
Prezidaanti Joo Baayiden Kaapitool Hiil irraa yeroo haasaa dhageechisan, Amajjii 6, 2022

Prezidaant Joo Baayiden waggaa tokkoffaa Amajjii ja’a jechuun waggaa har’aa biilsa mana maree irratti hookkara suukaneessaa raawwatameef haala hamtuu mudate mul’inatti dubbachuu akkasumas itti gaafatama isaa prezidaanticha duraanii Doonaal Traamp irratti dhiisuuf itti gargaaramuuf akka jiran White House kaleessa beeksisee jira. Barreeffama haasaa isaanii dura ifa taasisameen, Baayiden akka jedhanitti Yunaayitid Isteetis biyya akkamii akka ta’uuf jirru murteessuu qaba jedhan.

“haleellaa siyaasaa akka waan baratameetti biyya simatu ta’uuf jirraa? angawoonni filannoo paartilee karaa seeraa kan ibsame fedhii uummataa akka garagalchaniif eeyama kenninaa? Dhugumatti ifa dhugaa utuu hin taane uummata gaaddidduu kijibaa jala jiraatu taanaa? Jechuuf kan karoorsan ta’uu White House ibsee jira. Biyya akkasii ta’uuf eeyamuu hin dandeenyu. Daandiin fuula duratti tarkaanfannu dhugaa beeknee ittiin jiraachuu dha jedhan.

Itti aantuu prezidaant Kamalaa Harris illee Baayiden waliin ta’uu dhaan har’a ganama ibsa kennuuf jiru. Roobii kaleessaa abbaan alangaa muummichi Merrick Garland, ministriin haqaa kanneen sadarkaa isa kamittuu itti gaafatamoo ta’an murtiitti akka dhiyeessu dhaadatanii jiran.

Prezidaantichi duraanii Doonaald Tramp, kibxata galgala kutaa filooridaa bakka waa’ee haleellaan Amajjii ja’aa biilsa mana mareetti geggeessame ilaalchisuun haasaa dhageessisuuf turan hambisanii jiran. Bakka isaa hiriira Amajjii 15 Arizoonaatti geggeessamuuf jiru waa’ee ajandaa barbaachisaa ta’ee mari’anna jedhan.

VOAn gargaartota itti aanaa prezidaantii duraanii kan Mike Pence kamisa dhuftuuf karoora qabu yoo ta’e gaafachuuf yaaliin godhe hin milkoofne. Namoonni lamaanis deebii hin kennine.

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa

Tamsaasa Guyaadhaa Guyyaa
please wait

No media source currently available

0:00 0:29:58 0:00
More
XS
SM
MD
LG